Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 49:25 - KITAABA WAAQA

25 Ka si qarqaaru Waaqa abba keetiti, ka si eebise bisaani gubbatiifi ka maddaa sii kennu Waaqa Gudda. Eebiti tunini ta hormaatafi bultuma,

Gade chapit la Kopi




Uumama 49:25
22 Referans Kwoze  

Waaqi waan jed'eeni, Anini Waaqa Gudda; daraari, ilmaani heddu d'ali. Gochiti hedduuni siraa uumamte, hayyooti hedduuni si keesaa baati.


Yo inni jed'e, kuno, AABBO Waaqi bira eja. Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqo; lafa atini amma ira ch'iiftu tana sifi ilmaani teetii kenna.


Waaqi kiyya, durooma Kristo Yeso keesa jiru ch'ufaani waan isani feetani ch'ufa isani kenna.


Eegad'a, aka garaa keesa, Nu irre teennafi jabeenna keennaani duuroomne injenne.


Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.


Tunini eeba Musani, nami Waaqa, ato induiinu, gumi Israeliti eebise.


Inni waan jed'eeni, Iyyaaliina, insodaatina, Waaqi keesani, Waaqi abba keesani, beese teesani hegeri subba keesaniti deebise. Anini ufi tiyya beese teesani ya fud'ad'e jed'e, Simeoni worratiini d'ufe.


Waaqi sii roobe, oobru sii eebise, mid'aanifi daad'i guddo sii kenninna.


Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.


AABBO Waaqi hormaata nu kenna, lafti teennaleeni sagale guddo baafti.


ammalle nagayaani worra keennati na deebifte, siumati Waaqa kiyya taha.


Ammo qaraa fiit'e Finnafi d'uga isaa barbaada, duuba wonti kunini ch'ufti teesani taati.


Koota, Betheli godaane, achiti anini Waaqa ka gaafa anini d'iba qabu na qarqaare fulla anini deeme ch'ufati na wahelche, fulla sorio iti qalani mid'aasaafi.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Ganni Abramu sagaltami sagali geennaani AABBO Waaqi isati mullate waan jed'eeni, Anini Waaqa Gudda. Na ch'aqasi, waan hamtu intolchini.


Waaqi Guddaani si eebise halkuma si qajeelche, ilmaani heddu sii kenne akasiini gosa heddu si tolchinna.


Duuba Yakobooni Waaqa yaamate waan jed'e, Ee Waaqa, Waaqa akhaakhu kiyya Abrahamutiifi abba kiyya Isaaqo, AABBO Waaqa, siti, Lafafi worra keesaniti deebii, nagaya si guuta naani jed'e;


Yakobooni waan Yusufuuni jed'e, Waaqi Guddaani lafa Kanaani keesati fulla Luzuti nati mullate na eebise


Inni ammalle, Waaqa abba kiyyati na qarqaare ijeecha sila hayyuuni Misiri na ijeesu jalaa na baase jed'e; tanaafi gurba lameeso maqa Eliezeri baaseefi.)


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite