Jennaani Yoshuani waan gosa Efraimutifi ta Manase ta ila adutini jed'e, Isani d'uguma nama heddu ammalle guddo irree qabdani. D'uguma qooda toko ira argachu maltani.
Atini maafi nama nami tassa iti d'ufe fakaatte, aka askarti nama qarqaaru indandeenne taate? Ee AABBO Waaqa, atini numa woliini jirta! Nu gumi teeti, nu illakisini!