16 Yusufuuni waan jed'eeni, Yo beeseeni isani iraa hobaate fulla isii horiini koota, sagale isanii kenna.
Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.
Dubbi buufata, oboleyaani tiyya hojja ch'ufa dansumafi qajeelumumafi d'ugaafi balchumafi qulqulloomafi waan dansa mirgiti ta faarsu malani herega.
Yahudifi gosa d'ibiifi gumi Waaqaa ingufachiisina.
Nami d'uga dubbatu dubbi jirtu d'ugeesa, ammo ka d'ara dubbatu dubbi injirre d'ugeesa.
Eegi beeseeni worraa lafa Misiritiifi Kanaani ch'ufti hobaate, worri Misiri Yusufuti d'ufe waan jed'eeni, Sagale nuu kenni, duu nu d'owi. Beeseeni teenna la nuraa hobaate.
Duuba hori ufii Yusufutiini d'ufani, inni farda, ree, looni, harrele ch'ufa iraa guure sagale kenneefi. Ganna suni ch'ufa akanuma hori iraa guure sagale kenneefi.