14 Yusufuuni beese lafa Misiritiifi ta lafa Kanaani, ta mid'aaniini bitani ch'ufa wolti guure mana Farao geese.
Beelti hammaatte lafa ch'ufa qabatte jennaani Yusufuuni mana mid'aani keesa olkayani kaani ch'ufa bane worra lafa Misiriti mid'aani gurgure.
Nami ch'ufti ya Waaqa iraa eeba argate. Duuba inni eeba suni ha jabeese nama ch'ufaani qarqaaruti.
Wonti nama woi qorqoratu iraa fed'ani aka inni waan abba ufi guutu.
Eegi beeseeni worraa lafa Misiritiifi Kanaani ch'ufti hobaate, worri Misiri Yusufuti d'ufe waan jed'eeni, Sagale nuu kenni, duu nu d'owi. Beeseeni teenna la nuraa hobaate.
Maro beelti guddo jabaatteefi, nami lafa ch'ufa keesa lafa Misirii d'ufe, aka sagale Yusufu iraa bitatu.
Nama mid'aani d'osse gati guddooni eegatu inabaarani, ammo ka gurguru infaarsani.