5 Jennaani Yakobooni Beershebaa kae, ilmaani isaa, isaafi ijoolle worraa didiqo, ammalle nad'eeni worrale ch'ufa gaari Faraoni erge yaabachiifte.
Ilmaani Yakobo akuma jed'aniini taate. Yusufuleeni akuma Faraoni jed'eeni, gaari horiini hirkisufi woreega karale kenneefi.
Ammalle waan jettuuni, Gaari horiini hirkisani fud'ad'a, aka ijoollefi nad'eeni teesani yaabatuu; abba keesanile fuud'a, koota.
Ammo waan Yusufuuni jed'e ch'ufa d'agaye ammalle gaari horiini hirkisu, ka isa jed'ani lafa Misiri keesaa ergani arge jennaani mama kaanile baafate waan jed'e,
Akananiti, nu horiini iyyaana, qeench'i isaani tokoleeni asi inhafu. Wonti akanatiifi numati hori keenna keesa waan sorio Waaqa baamnu foha. Ammalle haga achiini baanuti hori sorio AABBO Waaqa baasu malani nu imbeennu.
Jennaani Faraoni Musa yaame waan jed'eeni, Beena yaa, AABBO Waaqa kad'ad'a, nad'eenifi ijoolle teesanile woliini yaa, ree teesanifi looni keesani ch'alla hambisa.
Jennaani Yakobofi ilmaani isaa lafa Misiri d'at'e achiti raawate.
Boriyya diirama, Abrahamuuni Hajiri sagaleefi gorjo bisaani miju kenneefi much'a dudda ira kayeefi, Beeni deemi jed'eeni. Jennaani isiini iti d'aabatte, lafa aloo ta Beersheba keesa marte.
Gaafa Yakobofi worri isaa Misiriti godaane, ka worri Misiri worra dabse, ababooti teesani qarqaarsa AABBO Waaqati boote, duuba inni Musafi Haruni erge, akasiini worra lafa Misiri keesaa baase, armaani d'ufe qubsise.