Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.
waan woliini jed'ani, Me laala, nu gati daba keenna argachu jirra, ta gaafa nu oboleesa keenna dabsine, inni gaafasi naasu nu kad'ate, nu ammo nahuufi dinne; tanaafi amma gaargali kunini nu qabate.