Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 44:2 - KITAABA WAAQA

2 Muduunu tiyya ta qarsi, subba much'a maand'icha keesa, mid'aani gubbaa, beese isaa woliini kayi. Jennaani namichi akuma Yusufuuni iti hime kaani tolche.

Gade chapit la Kopi




Uumama 44:2
12 Referans Kwoze  

Anini seera isanii tolchuuti injiru. Ammo haga biyyiti d'ibiini qarqaaru feete isani agarsiise, duuba aka jaalalti teesani ta d'uga argu fed'a.


Kuno, anini aka ilmoole hooliye jiddu yaiti isani erga. Tanaafi aka bofa qaro taha, ammalle aka sabaliisa nagayaani taa.


isani dubbi raaga sunitifi, ka nama waan oobju himu suni, inch'aqasina. AABBO Waaqi keesani nama akasi suniini isani laalata, aka isani AABBO Waaqa garaa tokofi onne tokooni jaalattani argu fed'a.


Lafa gamooji ta aloo suni keesati sagale manna jed'ani, ta ababooti teesani taka inyaatini, isanii kenne. Inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti buuse, aka eegi tana isani eebise, waan dansa isaanii kennu.


Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.


Yusufu sagale kobaa baasani, oboleyaani isaale akasuma kobaa baasani, worra Misirile, ka achiti nyaatu kobaa baasani, wonti akanatiifi worri Misiri worra Ebraniatini woliini nyaachaani worraa falfala.


Duuba oboleesa keesani ka maand'atiini nati koota, aka akanaani d'ugaani teesani mullatte dooti isanii hanqattu. Worri dubbi tana ee jed'e


Jennaani Yusufuuni hojattu mana isaa qorqorattu yaame waan jed'eeni, Subba worraa, haga worri baachu dandau, guuti, beese nama ch'ufale subba keesa mid'aani gubbaa kayi.


Lafti bariite jennaani worrafi harrele worrale gad'iisani.


Namichi hojattuuni kaani subba nama ch'ufa ka angafa iti keeyate ka maand'atii d'aabe soqe barbaade, duuba muduunu subba Benjamini keesati arge.


Yusufuuni hojattu ufii yaame, Subba worra mid'aaniini guuta, duuba nama ch'ufa beese isaa subba isaati deebisaafi woreegale kennaafi jed'eeni; worri akasuma tolche.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite