Nu waan siini jenne, Nu abba inqamna, inni jaarsa; oboleesa maand'ichale inqamna, ka inni jaaruma keesa d'ale. Oboleesi gurba suni ka garaa injiru, garaani haad'a suni isuma ch'allati hafe, tanaafi abbaani isa guddo jaalate jenne.
Herodeni aka jari ilaboru d'ufe kaani isa sobe arginaani guddo dalane, nama erge ijoolle d'iira ta Bethlehemu keesa jirtuufi ta reera suni keesaa, ta ganna lama asi fit'a jed'e, aka ganna jara mirga d'ufe iraa hubate gula.