Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 41:51 - KITAABA WAAQA

51 Inni much'a angafa maqa Manase baase waan jed'e, Waaqi ya gaargala kiyyafi worra kiyya na deesise.

Gade chapit la Kopi




Uumama 41:51
19 Referans Kwoze  

Dallansuuni isaa yoosu badi, ammo eebiti isaa haga jirtu imbaddu. Halkani imbohani, ammo hojja lafti bariite ingammadani.


Ha worrumaani d'uge hiyyumafi gaargala ded'uuti.


Atini yayu boha tiyya garagalchite sirba tolchite; atini laalala nara fuute, gammada gudda naa kennite.


Yusufuuni haga korma looni jabaata, gaafa aka gafarsa qaba. Gaafi sunini toko ilmaani kunki heddu ta Manase, kaani ilmaani kunki kud'ani heddu ta Efraimu. Gaafa sunini inni gosa ch'ufa tumate haga muumme lafaa d'iiba.


Eegi suni ganna torba d'ibi ka beela, ka quufa sule ch'ufa nama deesisuti d'ufa. Beelti suni lafa balleesite


Nami lafa suni ka eeba nama ira fed'atu, maqa Waaqa d'ugaatini naa eebisi namaani jed'a. Nami kakhu kakhatuleeni maqa Waaqa d'ugaatini kakhata. Gaargali qara lafa jiru hobae deebie inqaabatani.


Anini duri gumi tiyya jireese duuba deebie worra inhimad'u, yokhaani haga jiru jireenna iti indallanu.


Intala hayyuuni fuud'u, dubbi tiyya ch'aqasi: gosa teetifi worraa keesaa d'alate ded'i.


Ilmaani tante lamaani, ta lafa Misiri keesati ato anini ind'ufini si d'alate, tiyyuma; Efraimufi Manaseeni akuma ilmaani tiyya Reubenifi Simeoni tiyya.


Ato ganni beela ingahiinu niitiini Yusufu, ta Asenathi jed'ani taani, ijoolle lama d'alteefi.


Ka maand'a maqa Efraimu baaseefi waan jed'e, Waaqi ya lafa anini keesa gaargale keesati na daraarse.


Eegi suni waan Yusufuuni jed'ani, Abbe fayyaniti, beekhi. Duuba inni ilmaani isaa lachu Manaseefi Efraimu fuud'e abba argu d'aqe.


Worri Yusufu gosa lama, Manaseefi Efraimu. Musani gosa Lawiti lafa tokole d'aala inkennineefi ammo dirafi lafa horiini worraa, loonifi reeni ooltu, kenneefi.


Lafa gari ta galaana Yordani ila aduu worra Manase ka angafa Yusufuti kennani. Makirini abbaani Gileadi, angafa Manaseti, ammalle inni nama guddo waan lola beekhu, tanaafi Gileadifi Bashani, lafa galaana Yordani gama ilaboru kennanifi.


Akanaani isiini garaachoofte ilma d'alte maqa isaa Samueli baafteefi waan jette, Anini isaa jed'e AABBO Waaqa kad'ad'e.


Gosa Yusufu ka ilmaani lama qabu, Manaseefi Efraimu.


Duuba gaargala kanke ch'ufa, yo suni deete, aka lola fooqateti heredda.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite