9 Duuba AABBO Waaqi Kaini gaafate waan jed'eeni, Oboleesi kanke Habiliini me? Inni waan jed'eeni, Anini imbeekhu. Qara oboleesa kiyya nati tissa?
Nami ch'ubbu ufi d'ossu woma inhoratu, ammo nama ch'ubbu ufi himate iraa deebiu Waaqi innahaafi.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Waaqi nama gaargala keesa jiru ch'ufa inqaabata; inni boha isaani inded'u, inni nama worra dabsule haalo fuud'a.
Ubaara harka d'eera kaani abba isaaniti geesani waan jed'aniini, Ubaara kana lafaa fuune, ka much'a keeti mo?
AABBO Waaqi waan jed'eeni, Atini maafi waan hamtu akana tana tolchite? D'iigi oboleesa keeti qonqo lafa iraa iyyitu nati fakaata.
Yudaani waan oboleyaani isaatini jed'e, Maani nuu baati, yo oboleesa keenna ijeemne d'iiga isaa d'ossinu?
Ee AABBO Waaqa, naa nahi! Gaargala nyaapi kiyya natiini d'ufu argi! Dua keesa na baasi, ee AABBO Waaqa,