Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 4:8 - KITAABA WAAQA

8 Jennaani Kainiini waan oboleesa isaa Habiliini jed'e, Oobru nu yaasi. Achi geennaani Kainiini oboleesa isaa Habiliti garagale d'ae ijeese.

Gade chapit la Kopi




Uumama 4:8
23 Referans Kwoze  

Gaargala worraati! Ya kara Kainini deeme fud'atani; ya maro horitiifi akuma Balaamu wollaala gula badani; ya aka Korani lole lolani ufi balleesani.


D'iigi worra woma iyakini ch'ufti mata keesani gubba jira, d'iiga Habiliti haga d'iiga Zekaria ilma Barakia, ka isani Mana Waaqatiifi waan sorio irati baasani jiddu lamanti ijeeftani.


haga d'iiga Habilitiifi haga d'iiga Zekaria, ka jiddu fulla sorio iti qalaniifi fulla qulqulloti ijeesani. Ee, waan anini jed'u, d'iiga ch'ufa d'aloota kana iraa fed'ani.


Bara kana ilmi abba ufii tuffate, intaltileeni dubbi haad'a didde, niitiini ilmaaleeni haad'a isaa d'agayu diddi. Nyaapi namaa ch'ufti worruma isaati.


Aabbo, anini qara ilmaani lama qaba; duuba worri gaafa toko ka nami worra gargari baasu injirre woldide, toko kaani d'ae ijeese.


Jennaani Sanbalatifi Geshemuni qonqo nati ergani waan nani jed'ani, kooti, olla toko ka diida Ono keesati woli argina. Ammo worri sobe na balleesu fed'e.


Abinerini Hebronini bahe jennaani Yoabuni kobati isa fuud'e, fulla fullo geese aka waan d'ossaa iti himu fed'u, artumati garaa keesa woraane ijeese, waan inni duri oboleesa isaa Asaheli ijeesefi.


Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.


Dubbini isaa damma ira mioofti ammo garaa isaa keesa jibbaati jira; jechi isaa d'ad'a ira laafa, ammo aka goraade nama mura.


Dubbini afaani isaa keesaa baatu ch'ufti ta ch'ubbutiifi ta d'araa, ammalle inni waan dansa qajeeltu deebie intolchu.


Duuba ch'eera male biyya dura ejite, soda male garaa jabaate biyya keesa deemta.


Ammo Yesoni waan jed'eeni, Yuda, atini d'ungooni Ilma Nama gurguratta?


Ee Waaqa, ato tiyya, atini sila ch'ubbicha fitt'a! Ato tiyya nami na ijeesu fed'u ch'ufti na lakise na biraa yaa!


D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.


Adamufi niitiini isaa ilma d'ibi d'alani jennaani isiini waan jette, Waaqi ya ilma naa kenne fulla Habili, ka Kainiini ijeese; tanaafi isiini maqa isaa Sethi baafteefi.


Yo nami nama jibbe, harkani iti game yokhaani woini had'e,


Yehoramuni hayyu tahe jennaani oboleyaani isaa taani ch'ufafi jaarole Israeli ta garile ch'ufa fit'e.


Kakhatani, kakhu suni ch'absani; d'ara dubbatani, nama ijeesani, woi hatani, nad'eeni biyyaa baratani. Ch'ubbuleeni guddatte, guyya ch'ufa wolijeesani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite