11 Amma si abaarani, lafa d'iigi oboleesa keeti harka keetiini irati jige, isiini liqimsite, keesaa si gussani.
Worri Seera guutiti heregatu ya abaarame. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Nami waan Seera keesati t'aafani ch'ufa gula indeemne ya abaarame jetti.
Ee lafa, ch'ubbu nati tolchani ind'ossini, iyyana anini d'ugaani barbaadu ha d'agayaniti.
Jennaani AABBO Waaqi waan bofaani jed'e, Waan atini akana taateefi, anini la si abaare, atini horifi bineensa ala ch'ufa iraa gorte garaani lafa ira loote haga jirtu ch'ufa biyye nyaatta.
Ammo lafti niiti qarqaarte, afaani bante, bisaani afaani jawe keesaa yae kaani ch'ufa liqimsite.
AABBO Waaqi mana isaa ka gubbati d'ufuu jira, aka nama lafa ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalchu. Lafti d'iiga d'ossaani gubbati jissani imulifti, nama isi irati ijeesanile deebite ind'ossitu.
Atini ya fuula kanke duraafi lafa tana iraa na gussite, worra d'abe seseege lafa mare, ammalle nami na argu ch'ufti na ijeesa.
maqa Nuhu baase waan jed'e, Lafuma AABBO Waaqi abaare keesati gurbaani kunini huji teenna jajabdu nuu laafisa.