16 Inni kara d'aatuti isii gore waan jed'eeni, Hori hagami nama iraa fud'atta? (Inni aka isiini niiti ilma isaa imbeekhu.) Isiini waan jetteeni, Hagami naa kennita?
Wonti akanatiifi jaalalti hori hamenna aka ch'ufaatini d'ufti. Nami gari guddo dureesa tahu fed'e akanaani d'ugefacha iraa bade, gugubate lalefata.
waan jed'e, Yo anini Yeso harka keesaniti kenne, maani naa kennitani? Duuba worri qarsi sodoma fuud'e kenneefi.
Isiini d'ufteeni jennaani inni olch'ee isi ufiti gadi bute waan jed'eeni, Kooti, woliini rafna, oboleeti tiyya.
Sharmut'a hori baasani, ammo atini gaarayoota tante ch'ufaa woi kennite, akasiini worra gumbeesite, gara ch'ufa ufiti ga fuute ufi bira bulchite.
Ammalle beese kara sharmut'oma kanaani argatani Mana AABBO Waaqa keesani d'uftani, waan kakhatani Waaqaa baaftani tolchitani imbaasina. AABBO Waaqi sharmut'oma akana kana guddo jibba.
Yudaani isi arginaani sharmut'a sehe, waan isiini fuula hagogatteefi.
Inni waan jed'eeni, Ilme toko ree tiyya keesaa sii kenna. Jennaani isiini waan jette, Qabdo naa kenni, haga reeni d'uftuti.