1 Yakobooni lafa Kanaani, ta abbaani isaa duri keesa godaane, qubate ke tae.
Lafa amma atini iti keessuma tana anini sifi ilmaani teeti kenna. Lafti Kanaani ch'ufti ta ilmaani teeti taati haga jiru jireennale, anileeni Waaqa worraa taha.
Anini keessuma lafa teesani teetu; fulla niiti tiyya iti awaalu nati gurgura.
Wonti inni godaaneefi, waan lafti isaafi Yakobooni keesa jirani iti d'ipatteefi. Horiini worraa gudda, tanaafi woliini yau dad'abani.
Inni akuma Abrahamu eebise siifi ilmaani tanteeti eebise lafa atini amma keesa jirtu tana, ta duri inni Abrahamuu kenne, tante tolchinna.