7 Wonti inni godaaneefi, waan lafti isaafi Yakobooni keesa jirani iti d'ipatteefi. Horiini worraa gudda, tanaafi woliini yau dad'abani.
Tanaafi lafti suni worra lachu wolti fuud'u dad'abde, waan worri hori guddo qabuufi.
Lafa amma atini iti keessuma tana anini sifi ilmaani teeti kenna. Lafti Kanaani ch'ufti ta ilmaani teeti taati haga jiru jireennale, anileeni Waaqa worraa taha.
Inni akuma Abrahamu eebise siifi ilmaani tanteeti eebise lafa atini amma keesa jirtu tana, ta duri inni Abrahamuu kenne, tante tolchinna.
D'ugefachaani inni lafa Waaqi isaa kakhate keesa tae, aka keessuma. Waaro keesa, akuma Isaaqofi Yakobo tae, ka kakhu suni Waaqa iraa argate.
Duuba Lutuuni arda Yordani filate gara ilaboru godaane; akasiini worri gargari bahe.
Atini imbeeta, ee AABBO Waaqa, aka nu si durati akuma abbooti teenna keessumafi nama lafa inqamne fakaannu. Guyyaani keenna lafa tana irati gabaaba, dandeenne lubbu duraa imbaanu.
Ee AABBO Waaqa, kad'acha tiyya na d'agayi, boha tiyyale ch'aqasi hojja anini bohule kooti na qarqaari. Anini ideemtu kara deemtu faakad'a.
Ammalle mana injaaratina, oobru mid'aanitifi ta zabibu inqotatina, yokhaani imbitatinale; waan akana kana tokole intolfatina, waaro keesa qubad'a. Duuba akasiini lafa keesa gogodaantani tana keesati turtani.