Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 32:3 - KITAABA WAAQA

3 Jennaani Yakobooni gara oboleesa isaa Esau, ka lafa Edomu jiru, ufi dura nama erge,

Gade chapit la Kopi




Uumama 32:3
23 Referans Kwoze  

Isaaqolee Yakoboofi Esau kenne. Esau, lafa Edomu ta gaareeni d'aala kenneefi, ammo ababooni keesani Yakobooni, ilmaani isaa woliini lafa Misiri d'aqe.


waan Yakobooni jed'e, Anini beelaa injiru, waan diimtu d'aabu jirtu suni naa kenni. (Suni gula Esauuni Edomu jed'ani.)


Worri isani sodaata, ammo isani worrani woli had'u himmalle, wonti akanatiifi anini lafa worra fulla tokole isani inkennu. Anini lafa Edomu yayu d'aloota Esauti kenne.


Abbo, womaniti, atini beeni nu dura deemi, anini laanuma haga horifi ijoolleeni dandeetu tirsa, haga lafa Edomuti si d'aqabuuti.


gosa Hori ta gaara Seiri dabsatani, haga Elparani moga lafa alooti gussani artini baasani.


Nama ufi dura erge, ka deeme olla Samaria toko seene fulla isaa mid'aasu.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ergattu tiyya erga, ta kara naa mid'aasitu. Duuba AABBO Waaqi ka isani barbaaddani tassa Mana isaa ka eebati d'ufa. Ergattuni isani guddo eeddani d'ufte, wold'aqisa kiyya odeesiti.


AABBO Waaqi worra Edomu, ka d'aloota Esaule, ka lafa gaareeni ta Edomu keesa taau, ya akasuma tolcheefi. Inni worra Hori balleese jennaani worri Edomu lafa worraa fud'ate, keesa tae, fulla worri arrale jiru.


Duuba guyyuma suni Esauuni kara qabate Edomuti deebie.


Tana d'ageennaani Yakobooni nahe, lubbuuni d'ufte, nama isaa fulla lamati qoode hori isaa, ree, looni ammalle gaala karra lamati gargari baase,


Amma si kad'ad'a, harka oboleesa kiyya Esau keesaa na baasi. Anini insodaad'a, aka inni d'ufe nu ch'ufa had'e balleesu, nad'eenifi ijoollele.


Inni nyaapa isaa ka Edomu dabsate, lafa worraa fud'ata ka Israeliini dabsachuma dabsatu,


Godaanti gaara Sinaitifi ta Kadesh-Barnea jiddu guyya kud'ani toko fud'atti, yo kara gaareeni ka lafa Edomutiini godaanani.


Kunini d'aamsa waan Edomu ka d'aamani. Nami Edomu toko na yaame waan nani jed'u, Nama lafa eegu, lafti yoomi bariiti? Halkani yoomi alaa hobaani?


Wonti Edomu ka AABBO Waaqi guddaani jed'e tana: Worri Temani ya qalbi d'abe? Nami worra mala d'au ya mala d'aufi dad'abe? Qaroomi worraa ch'ufti ya bade?


Lafti worra haga Mahanaimu ejite, Bashanile ch'ufati ejite lafa hayyuuni Oguni ka Bashani fideefi ammalle ollowaani Yairi jaatama ta Bashani keesa jirtuleti.


Guddaani askarti Saulo, Abinerini, ilmi Neri, qara ilma Saulo Ishboshethi fuud'e baqateeni, galaana Yordani taake Mahanaimuni d'ufe.


Jennaani inni Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, ila isaa bani ha arguuti! AABBO Waaqi kad'acha isaa d'agaye, jennaani hojattuuni Elisha olmillate fardaafi gaari ibida ka gaareeni gubba Elisha marse ch'iisu arge.


Gaafa Daudini Hebroni jiru, askartini woraana hedduni d'ufte goli isaa taate, aka fulla Saulo hayyu isaa tolchitu, jecha AABBO Waaqa gula. Henni askarti isaa sunini kana: Yuda: Kuma jaafi d'ibba sadeeti ta woraanafi wonte qabdu; Simeoni: Kuma torbafi d'ibba toko ta askartini tunini ch'ufti nama lola beekhu; Lawi: Kuma afurifi d'ibba jaa; nami Yehoyada, ka d'aloota Haruni kuma sadifi d'ibba torba. Namicha janna toko ka Sadoki jed'ani: fiit'a isaa nama diddami lama ka biyyaa mata; Benjamini (gosa Saulo): Kuma sadi (worri gosa Benjamini guddinni Saulo biraa indeemne); Efraimu: Kuma diddamafi d'ibba saddeeti ta balbala gosa worraa keesaa gurra qabdu; worra Manase ka ila adu: Kuma kud'ani saddeeti, ta filani, beena, Daudi hayyu tolcha jed'ani ergani. Isakari: Nama d'ibba lama ka matatifi nama d'ibi worra jala jiru. (Jari mata kunini waan Israeliini tolchu malteefi hojja dansa tolchani namati hima.) Zabuloni: Kuma shantama ta hayyu ch'aqafte, innileeni worra d'ugeefate, ta hojja ch'ufa had'iisa kurfo jirtu, ta ammalle huji woraana ta aka ch'ufaa beetu; Naftali: Nama kuma toko ka matatifi nama kuma sodomi torba ka woraanafi wonte qabu; Dani: Kuma diddami saddeetifi d'ibba jaa, ta waan woraana beetu; Asheri: Kuma afurtama ta had'iisa kurfo jirtu; gosa galaana Yordanitini ilaboru jirtu — Reubeni, Gadi, gosa Manase ta ilaboru; kuma d'ibba tokotifi diddama, ta miha lola, ka aka ch'ufatini hojachu beetu.


Atini akami mid'aada! Faanti tante akami kobe keesati mid'aadi! Gudeedi kanke qunqumaani waan ogeesi harkani mid'aasu fakaata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite