Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 3:15 - KITAABA WAAQA

15 Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.

Gade chapit la Kopi




Uumama 3:15
48 Referans Kwoze  

Duuba Waaqi, ka nagaya nuu kennu, d'iotu Sheet'ana miila keesani jalati ch'arasa. Eebiti Aabbo Yeso isani woliini jiraatinna.


Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.


Tanaafi jaweeni niititi dalante, d'aloota isi had'u d'at'e, worra seera Waaqa gula deemuufi ka d'uga Yesoni mullise d'ugefatu ch'ufa. Duuba jaweeni taani afaani galaana ejite.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Ammo hojjaani geennaani, Waaqi Ilma isaa erge. Haad'a namati isa d'ale, Seera Yahudi keesaa d'alate,


Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.


Ilaala, intalti dubra garaachoofte ilma deeti. Maqa isa Imanueli baasani. Akasi jechaani Waaqi nu woliini jira jechu.


oobruuni lafa tana; mid'aani dansaani ilmaani Finna Waaqati; raafuuni ilmaani Hama Kaani;


Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.


Ch'aqasa anini yayu humna isanii kenne aka bofafi qaanjibu ira ejaanjatani, ammalle irre nyaapa sunile ira ejaanjateniini; wonti tokoleeni isani intut'u.


Atini kakhu jabdu takaa tanale inch'absine Dauditi kakhate waan jetteeni, Anini ilma kanke, nama toko hayyu tolcha, inni fulla tante hayyu taha.


Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


Maskali gubbati Kristoni jabeenna mohachafi irre gubba balleese, waan suni ch'ufa aka waan duuli boojie galche diidati nama agarsiise.


waan jed'eeni, Atini ka kiyyibafi ch'ubbuuni guutamte, ilma Sheet'ana, nyaapa d'uga ch'ufaa, karaa Aabbo ka d'uga balleesu illakiftu?


Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.


Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.


Tanaafi AABBO Waaqi gumi ufii harka nyaapa worraati lakisa, haga isiini dau geete ilma deetuuti. Jennaani worra gosa isaa ka boojiani worra isaani ka Israeliti deebisani.


Worra d'ugefacha inqamne kana, isani haga yoomi garaa lama qabaachu lakiftani? Anini yayu waan takaa inargini lafaani d'ufe — nami d'iira harka nama uwati bula.


Eentu dandae lafa dabsata: nama aka Yesoni Ilma Waaqa d'ugefatu male?


Duuba waan isale duri ilaalatani garagalchaniifi, inni dandae worra ilaalatani inqarqaara.


Akuma t'aafiini jettu, gaafa inni gubba olkore worra hid'ani heddu ufi gula fuud'e, namale wo kenne.


Aka inni jara Waaqa had'e dabsatu ee jed'ani, ammalle jabeenna inni gosafi afaanifi lafa ch'ufaani dabsatu kennaniifi.


Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.


Guyya ch'ufa nu Mana Waaqa keesa woliini jirra, harkaani na intunne. Ammo hojjaani tuni teesani, ammalle ta jabeenna dukanaati.


Isani bofafi ilmaani bofaati! Murisa hegeri dandeetani duraa imbaatani.


Isani ilmoole bofaati! Akami dandeetani waan dansa dubbattani, yo isani hamamo taatani? Wonti akanatiifi afaani waan garaani qabu dubbatani.


Farisayoofi Sadukayoni hedduuni aada batiso fed'achu d'umnaani, Yohanani waan worraani jed'e, Isani ilmaani bofaati, eentu dalansu hegeri duraa baqad'a isaniini jed'e?


Lubbuuni worraa aka awaala qotani jirti. D'arti araba worraa iraa baati, dubbini hamtuuni, ta aka had'aa bofa jirtu, afaani worraa keesaa baati.


Gurba, atileeni raaga Waaqa Gudda jed'ani si yaamani; Aabbo dura deemte kara mid'aasitaafi.


yo bofa harkaani qabani olfuud'ani, yokhaani had'ale d'ugani woma intahani; nama fayya inqamne harka ira kayani fayyisani.


Ammo haga isiini ilma deetuti niiti intolfanne. Jennaani Yusufuni maqa isaa Yeso baase.


Daniini bofa kara keesa ch'iisu fakaata, buuti dandi keesa ch'iiftu, ta yo fardi d'ufu kotte nyaate nama yaabatu duddaduubati buuftu.


Eegi bari sunini dabre, namicha Waaqi fohate kaani akanumati ijeesani wollaala male. Duuli hayyicha jaba toko lafa suni had'e dirafi Mana Waaqa balleesa. Duuba muummeeni akuma lolaa fach'aate, woraanafi badi Waaqi kurfeeseni d'ufti.


Ato worri fiit'e gaara Karmeli gubbati d'okhatele, anini barbaade worra qaba. Yo worri na duraa deeme baariini keesati d'okhatele, anini jawe baariini iti erge nyaachisa.


Haga Musafi raagi ch'ufati iti keyate, waan isaa ka t'aafi keesati t'aafani ch'ufa worraa diige.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite