7 Ammalle aka Yakobooni dubbi abbaafi haad'a ufii d'agaye Mesopotamia d'aqe d'agaye.
Ijoolle, waan ch'ufa keesa worra keesani saalfad'a; wonti akanatiifi Aabbooni akana fed'a.
kakhuuni suni waan jettu, aka lafa Aabbo Waaqi sii kennu keesati lubbuuni tante d'eeratu jetti.
Ijoolle, maro Kristotiifi worra keesani saalfad'a, wonti kunini waan tolchu malani.
Nama abba ufi goyeese haad'a ufi gaafa isiini jaarte tufatu ha ruumichi fooni isaa nyaate, haranqasileeni ila keesa guuratuti.
Ilma kiyya, dubbi haatetiifi abbeeti d'agayi.
Isani nami ch'ufti abbaafi haad'a teesani saalfachu maltani, ammalle Sabato tiyyale jabeesu maltani. Anini AABBO, Waaqa keesani.
Abbeetiifi haateti saalfad'i, aka lafa AABBO Waaqi sii kenne keesati lubbuuni tante d'eerattu.
Amma, ilma kiyya, dubbi tiyya ch'aqasi, kai hurrisi worra oboleesa kiyya Labani, ka lafa Harani jiruti baqad'u,
Isaaqooni, gaafa inni Rebeka fuud'e ganni isaa afurtama. Isiini dubra Bethueli, ka gosa Aramu, ka lafa Mesopotamia, maqaani oboleesa isiileeni Labani.
Esauuni aka Isaaqooni Yakobo eebise dubra fuud'iti Mesopotamiati erge, ammalle aka inni, ato eebisu, Dubra gosa Kanaani imfuud'iini jed'eeni d'agaye.
Jennaani Esauuni aka abbaani isaa Isaaqooni dubra gosa Kanaani jibbe arge.