15 Woya Esau ta ch'ufa ira dansa mana isiiti fuute Yakobo much'a maand'ichati keete.
Inni ind'ungata iti gadihiiqe jennaani Isaaqooni urgaa woya isaa suufe eebiseefi waan jed'e, Fooleeni gurba kiyya aka foole oobru AABBO Waaqi eebiseefi urgoofti.
Jara Seera beekhu eegad'a, ka woya d'ed'eertuuni yau fed'u, ka fulla gabayati aka nagaya fuud'ani fed'u, ka mana Waaqa iti kad'atani keesati dura tau fed'u, ka barch'uma dansa hojja sagale woliini nyaatani fed'u,
Ammo Abbaani waan hojattu ufitiini jed'e, Woya ta ch'ufa ira dansaatiini koota, isati uyisa, qube quba isati kaya, kopele miila isati naqa.
Duuba inni d'aqe kaarata kaani fuud'e isiitiini d'ufe, isiini sagale miooftu abbaani jaalatu d'aabdeefi.
Duuba goga kaaroota sunile fuute harkaafi fulla morma ta rifeensa inqamneti keete.