1 Duuba oolaani d'ibiini lafaa d'ufte, ta gaafa Abrahamu taani male, jennaani Isaaqooni gara Abimeleki hayyu Filisti, ka Gerari tau, d'aqe.
Beelti lafa Kanaani suni seente guddo hammaatte, jennaani Abramuuni lafa Misiriti godaane, aka achi tau.
Abrahamuuni due jennaani Waaqi guddo ilma isaa Isaaqo, ka gaafasi worri isaa fulla Eela Beer-Lahai-Roi jiru eebise.
Jennaani Yakobooni qit'afi fuutole kenneefi. Esauuni fuuto d'uge, qit'a ufii nyaate kae iti d'aabate. Akanaani Esauuni angafooma isaa tufi gula d'abe.
Akanaani ilmaani Yakobo, waan lafa Kanaanile beelti seenteefi, biyya d'ibi woliini mid'aani bitachu d'ufte.
Beelti lafa Kanaani haga qarale ira hammaatte,
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beena, armaa yaa, sifi worri kunini ka atini lafa Misiri keesaa d'ufteeni; gara lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi d'aloota worrati Inkenna jed'e kakhad'e d'aqa.
Gaafa duri bara jaallabooti lafa fidde, oolaani jabduuni toko lafa d'ufte. Jennaani namichi toko, ka dira Bethlehemu lafa Yuda keesa, niiti isaatiifi ijoolle isaa ta d'iira lamaani woliini lafa Moabuti godaane.
Bara Daudini lafa fidu suni oola jabdu gana sadi fud'atu tokoti lafa d'ufe. Jennaani Daudini waan oola suni AABBO Waaqa gaafate, AABBO Waaqi waan jed'eeni, Saulofi worri isaa worra harka d'iiga, ka nama fit'u. Inni worra Gibioni fit'e.