26 Jennaani namichi jilbifate Waaqa yaamate
jilbifad'e AABBO Waaqa yaamad'e maqa AABBO Waaqa guddise, Waaqa abba kiyya Abrahamu faarse, ka kara na hare worra fiit'a isaati na qajeelche, aka anini dubra worraa ilma isaati kad'ad'u.
Biyyiti dubbi suni ind'ugeefatte, ammalle aka AABBO Waaqi worra Israeliti d'ufe gaargala worraa arge d'ageennaani, mataani lafati gajejed'ani isa guddisani.
Namichi hojattu Abrahamu waan kana d'agaye jennaani jilbifate Waaqa yaamate.
waan isani jettani, Tunini sorio Pasaka ta AABBO Waaqaa baasani; wonti akanatiifi inni mana worra Israeli lafa Misiri keesati bira dabre worra Misiri gogorae. Ammo worra keenna baase jettani. Duuba biyyiti mata gaqabate Waaqa kad'ate,
Aka, maro ulfinna maqa Yesotiifi, wonti gubba jiratiifi ka lafa jiratifi ka lafa jala jira ch'ufti jilbifate,
Anini hojja AABBO Waaqa, Waaqa gubbaa kad'ad'u, maaniini d'ufaafi? Anini jiboota fuud'e gube sorio AABBO Waaqaa baasa?
Koota, isa durati gajenne kad'anna, AABBO Waaqa nu uume durati jilbifanna!
Nami lafa gamooji tau isa durati gajejed'e, nyaapi isaaleeni miila isaa jaalati jijiga.
Nami lafa keesa jiru ch'ufti si kad'ate, si guddise sii faarse, maqa kankele guddisa.
Nami ch'ufti dureesafi hiyyeesileeni isa durati gajejed'a.
Ezrani waan jed'e, AABBO Waaqa gudda ha faarsani! Jennaani gumiini ch'ufti harka olfud'ate waan jette, Amini! Amini! Duuba jilbifatani gajed'ani addaani lafa tuqani Waaqa kad'atani.
Hayyufi jaaroleeni Yuda waan worra Lawitini jette, Faaru Daudifi raagi Asafuni t'aafani AABBO Waaqaani faarsa. Akanaani nami ch'ufti gammada guddaani sirbe jilbifate, Waaqa kad'ate.
Jennaani Yehoshefathini biyya durati gajed'e addaani lafa tuqe, gumileeni akasuma gajette, AABBO Waaqa guddifte.
Jennaani Daudini waan gumi ch'ufaani jed'e, AABBO Waaqa keesani faarsa! Jennaani gumiini ch'ufti AABBO, Waaqa ababoota isaani faarsite, AABBO Waaqafi hayyu durati gajejete guddifte.
Jennaani Musani hurrise lafati gajed'e kad'ate
waan hojattu isaatini jed'e, Isani arma fulla harre tataa, naafi much'aani diqaani achi yaane, Waaqa kad'anne isaniti gadachaana.
Mana keenna keesa okhayi gaali nyaatufi fullaani isani raftanileeni injirti.
Tanaafi anini isa amma tana AABBO Waaqaa keenna. Inni haga jiru ch'ufa ka AABBO Waaqati. Jennaani worri achiti AABBO Waaqa kad'ate.
Gideonini oobju namichi oobjateefi waan isiini d'ooftu d'agaye jennaani, jilbifate Waaqa kad'ate. Duuba duula Israeliti deebie waan jed'e, Kakaa! AABBO Waaqi yayu duula Midiani harka keesaniti kenne!