8 Abrahamuuni waan jed'eeni, Womaniti, Waaqumati nuu kenna, kooti. Duuba worri lachu wolumaani iti d'aabate.
Yeso deemu jiru millate waan inni jed'e, Ilaala ilme Hoola Waaqa!
Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.
qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!
D'uguma wonti AABBO Waaqati jabaata injirti? Akuma qara anini siini jed'e, Anini jia sagali tae, yo ani deebie, Saraani ilma qabdi.
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.
Yesoni worra ilaale waan jed'eeni, Nami indandau, ammo Waaqi waan tokole indad'abu.
Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.
Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.
Jennaani Amaziani waan raaga sunini jed'e, Qarsi anini worra suniti baase suni maani tolcha?
Isaaqooni waan jed'eeni, Aabbo! Abrahamuuni owaate waan jed'e, Yaa, ilma kiyya. Isaaqooni isa gaafate, Atini ka qoraanifi uchumaani deemtu, hoolani sorio qalani meeti? jed'e.
Fulla Waaqi jed'eeni taani gahani jennaani Abrahamuuni fulla sorio irati baasani mid'aase qoraani kaani ira naqe. Much'a kaani qabe hid'e fulla sorio ira qalani taani gubba ch'iifsise.
Maqaani Abrahamuuni fulla suni baase: AABBO Waaqi wa namaa kenna. Haga arrale maqaani lafa suni gaara Waaqi irati wa namaa kenna jed'ani.
Jennaani Eliyaani waan Elishani jed'e, Aabbo, atini asuma hafi, AABBO Waaqi yayu galaana Yordaniti na erge. Ammo Elishani waan jed'eeni, Anini maqa kanketifi ka AABBO Waaqatini kakhad'a, aka si jala inhamne. Tanaafi worri kae woliini yae,