7 Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.
Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu.
Lubbuuni Waaqa na uumte, hafuuri Waaqa gudda jireenna naa kenne.
Nafi isaa biyyeeti deebie, hafuuri isaa ka jireennale gara Waaqa ka qara isaa kenneti deebia.
Ee AABBO Waaqa, atini abba keenna. Nu d'oqe faara fakaanna, ammo atini nama isii supe mid'aasu fakaata. Atini harka keetiini nu uumte,
Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.
Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe.
Hojatte damfitu male, sagale inyaattu, haga biyye keesaa baateti deebituuti; atini qara biyye, biyyuma suniti deebita.
haga Waaqi hafuura na keesaa infuud'ini,
Wonti lubbu qaba, ka lafa gubbaa jira, haguma geetuuni hobaate.
Tunini dubbi AABBO Waaqi waan Israeli dubbate, AABBO Waaqi ka gubba dirirse, lafa yayabe, namale mid'aase lubbu keesa kaye. Inni waan jed'u,
Inni waan duri iraa nu uume imbeekha, aka biyye iraa nu mid'aase inqaabata.
Aka AABBOONI Waaqa qaabad'a, isaati nu uume, nu nama isaati; nu gumi isaati, hooliye inni tisse nyaachisu.
Ammo, atini eennu kana, ka Waaqaani akana jettu? Eeleeni faara nama isi d'aeeni, Maafi akana na d'oofta injetti?
Nami hafuuruma, maani keesa jira? Tanaafi maani ira gula yaatani isa d'ugeefatani?
Tanaafi AABBO Waaqi oobru Edeni keesaa gusse biyye isa iraa mid'aasani qotachiise.
Abbootiini teenna ta lafa nu qajeelchiti, duuba worraa saalfanna. Abba keenna ka lubbu hagasi ira saalfanneefi jireenna argachu himmalle?
Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?
AABBO Waaqi qalbiifi herega nuu kenne; nu dandeenne nafa keenna wa ind'ofannu.
Anaafi sii Waaqa durati haguma taka, nuu lachu biyye ira mid'aasani,
Nu imbeenna aka yo waaro nu keesa teennu tana tarsaasani — waarooni tuni nafa keenna — Waaqi mana nu keesa teennu nu mid'aasa, mana inni harka ufitiini mid'aasu, ka haga hegeri tau.
Ammo nu worri hori lubbu kana qabu aka okote faara jirra, aka nu jabeenna inqamne ammo Waaqi jabeenna gudda qabu agarsiisani.
Akasi jennaani, inni hafuura ufi worraa kenne waan jed'eeni, Lubbu Qulqullo argad'a.
Mala keeti, waan inni nama d'oqe iraa mid'aasani ka dandaani aka billaacha ch'arasani d'ugeefatu seeta?
Ee AABBO Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, anini si kad'ad'a, nama gumi tanaani deeme
guyya tarsaasanifi guyya wolti hod'ani; guyya ch'allisanifi guyya dubbatani;
Wonti akanatiifi duri qara Adamu uumani, eege Hawai uumani.
Ammo hojja ch'ufa lafti oldabante, dabaani, fulla ch'ufa gahe lafa ch'ufa jiise.
Worri, hayyu AABBO Waaqi fohate, ka jireenna keenna, ka nu waan inni nyaapa ch'ufa nuraa d'owu seenne abdane qabe,
Wonti AABBO Waaqi guddaani lafele tanaani jed'u tana: Lafele tana, Anini hafuura isaniti deebise isani jireesa.
Akanaani Waaqi fakeenna ufii gula nama uume. Inni nama uwafi nama d'iira uume
Anini morgaafi fooni isaniti deebise goga isaniti uyisa. Anini hafuura isani keesa kaye lubbu isaniti deebisa. Duuba akanaani aka anini AABBO Waaqa beetani.