5 lafti marrafi gurbile inqabdu, yokhaani mid'aani tokoleeni imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi taka iti irroomne, nami lafa qotuleeni injiru.
Tanaafi AABBO Waaqi oobru Edeni keesaa gusse biyye isa iraa mid'aasani qotachiise.
Lafa guyya ch'ufa bisaani d'udde ta mid'aani iti oobrani abba iti oobre baaftu Waaqi ineebisa.
Inni bokaya namaa roobe, oobru namaa jiisa.
Yo atini lafa qotatte, lafti deebite woma sii imbaaftu; worra d'abde seseega taate lafa marta.
Eegi suni ilma d'ibi d'alte maqa Habili baafteefi. Habiliini nama ree tissu, ammo Kainiini nama oobru qotu.
Waaqi harkaani boch'ani ka gochiti d'ibiini qabdu dandae bokayaani d'ufa? Gubbaleeni dandeete ebele iroobdi? Hiyo, ka namaa roobu siuma AABBO Waaqa keenna. Nami waan kana ch'ufa tolchu sii, abdiini teennaleeni gamuma kee jirti.
Inni dumansa muumme lafati fuud'e bokaya keesa angae bubbeele fulla iti olkaye keesaa gadi baasa.
Atini marra horii baafte, mukhale nama baafta; aka akasiini inni mid'aanifi daad'i isa gammachiiftuufi; d'aad'a inni ifsaatufi qit'a jabeenna isaa kennule ira argatu.
aka isani ilmaani Abba keesani ka gubba jiru taatani. Inni adu nama hamamafi dadansale baase, bokayale nama d'ugatiifi nama d'arale rooba.
Ammo hojja ch'ufa lafti oldabante, dabaani, fulla ch'ufa gahe lafa ch'ufa jiise.
AABBO Waaqi jabeenna isatini lafa uume; qalbi ufitini inni lafa uume gubbale dirirse.
Dubbi isa gula bisaani gubbaa dibbisani; inni dumansa muumme lafati d'ufaani. Inni angaasu bokaya keesa angae, mana isaa keesaa qilleensa gabaase.