Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 18:25 - KITAABA WAAQA

25 Atini nama ch'ubbu inqamne dandeete ka ch'ubbu qabu woliini inhobaaftu. Suni sii imfakaattu. Yo atini akasi tolchite, ka ch'ubbu qabuufi ka ch'ubbu inqamneleeni woliini hobaa. Wonti kunini diqole intaatu. Jaallabi lafa tana ch'ufaa waan d'uga intolchu?

Gade chapit la Kopi




Uumama 18:25
35 Referans Kwoze  

Waaqi guddaani d'uga imballeesa? Yokhaani qajeeluma iyyaka?


Ammo Waaqi nama wollaala inqamne lafa imbuusu, nama ch'ubbu qabule inqarqaaru.


Duuba nami waan jed'u, Nami d'uga qajeelani waan isaa malle ya argate; d'uguma Waaqati jira, ka lafa wollaala iti muru.


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Atini nama nama ch'ufa qoru; kai, waan kiyyiba malle kennifi!


Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.


Ammalle nama d'ugaafi ka d'ara, ka Waaqaa hojatufi ka inhojannele, gargari beekhani.


Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Ee AABBO Waaqa, yo anini si quufa d'abe si himad'ele, d'ugaani teetuma. Ammo taatule, aka d'ugaani jirtu si gaafachu fed'a. Ch'ubbichi maafi wo horata? Nami hamaani maafi wo argata?


Jireenni kiyya qara woma keesa injiru, ammo ha taatuti, isa keesati guddo wo arge. Ato nami qajeelani dansaani duu, nami hamaani ato hamaatele lubbu bula.


Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.


Yo nami shantama ka ch'ubbu inqamne dira kana keesa jiraate, atini worra shantama suni jette dira suni innaatuufi? Ch'ufa imballeesita?


Gaafasi anini iti hime waan jed'eeni, Dubbi wold'abisa ta nama keesani iraa d'uftu laala. Dubbi wold'abaa tana ch'ufa aka dansaa qoraa, ato isiini nama keesanifi keessuma isani keesa teetu iraa d'uftele.


Nama tokole ira inch'iisina dubbi murtani keesa ato inni nama fed'e taatele, waan inni tahe gula wollaala iti mura. Nama tokole insodaatini, wonti akanatiifi wonti isani murtani Waaqa iraa d'ufti. Yo dubbini isani d'ibde natiini koota, nati mura.


Lakisi, anini taka waan tokole si duraa iyyakine; siti nu yaku jira, ka na haatu. Nami wolti nu laalu AABBO Waaqa, isumati ara nufi worra Amoni gargari baasa.


AABBO Waaqa sodaad'a, yo wo tolchi taanile ufi qorqorad'a; wonti akanatiifi AABBO Waaqi keenna nama d'uga gula indeemne, ka nama gargari file yokhaani gumbo nyaatu inoobsu.


Atini d'uga qabda, ka gaargala nutiini d'ufte; ato nu ch'ubbu tolchinele, atini d'uga ch'alla gula deemte.


Me, isani worri hubacha, qabu na ch'aqasa! Waaqi guddaani dandae ch'ubbu tolcha?


Anini waan jed'e, Waaqi nama d'ugaatifi ka dabale woma takaani qora, waan tahe ch'ufafi wonti ch'ufti hojuma ufi ka kurfeesani taati.


Jennaani anini kad'ad'e waan jed'e, AABBO Waaqa gudda, atini ka d'uga gula dubbi qortu, ka ammalle heregaafi qalbi namaa ilaaltu, anini dubbi tiyya ya siti kennad'e; haalo atini worra kana baafatu na garsiisi.


Ammo isani waan jettani, Wonti Aabbo Waaqi tolchu kunini qajeeltuniti. Worra Israeli, me na ch'aqasa! Isani karaani anini woini tolchu qajeelaniti jettani? Keesanumati qajeela intahini.


Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?


Duuba mukeeni badda ch'ufti gammade AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu.


Waaqi guddaani ch'ubbu intolchu, yokhaani nama indabsu,


Yo nami ch'ubbu iraa deebiu dide Waaqi goraade ufii qarata. Inni guube ufii t'iya iti kaye, aka dansaa guura;


Gubbaani aka Waaqi d'ugaatifi aka nami dubbi namaa qoru isaa, odeesiti.


Ato wonti lubbu qaba ch'ufti holate, laftileeni chochote, anini yayaba isii injabeesa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite