Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 17:3 - KITAABA WAAQA

3 Abramuuni Waaqa dura gajed'e, Waaqi waan jed'eeni,

Gade chapit la Kopi




Uumama 17:3
17 Referans Kwoze  

Abrahamuuni Waaqa dura gajed'e, mame koble waan ufiini jed'e, Isii, nami ganna d'iba toko gahe akami ilma d'ala? Saraleeni d'ugumati ganna sagaltamati ilme ind'alti?


Ato arabi ibida d'akha ira olbahu, Manoafi niitiini isaa malaika AABBO Waaqa ta araba ibida keesa gubbati oldeemtu argani. Jennaani Manoani aka nami suni malaika AABBO Waaqaa hubate, isaafi niitiini isaa lafati gogombifamani; duuba deebiani malaika taani inargine.


Isa arginaani anini miila isati jige, akuma waan due tahe. Ammo inni harka mirgicha nara kaye waan naani jed'e, Insodaatiini! Anini ka qaratiifi ka eegeeti.


Jari isaa qonqo tana d'ageennaani guddo sodaate fuula lafati deefate jige.


Biyyiti waan kana ch'ufa garte jennaani lafati jijidde, lalabde waan jette, AABBOONI Waaqa, isa male Waaqi d'ibiini injiru!


Namichi waan jed'eeni, Anini jara suni tokoleeniti, ammo anini gudda duula AABBO Waaqa. Jennaani Yoshuani durati jige kad'ate waan jed'eeni, Aabbo anini hojattu teeti, maani naani jechu feeta!


Gumi tana hanqad'a, anini maruma tokotu worra ibidaani balleesa! Worri lachu gajejed'e,


Anini qonqo isaa d'ageennaani gagabe lafa d'ae, fuulaani lafati gombifame, artuma ch'iise.


Jennaani anini bale suni d'aqe, achiti guddinna AABBO Waaqaa, akuma anini qara d'aatu galaana Kebariti arge kaani arge. Duuba anini jige addaani lafa d'ae,


ifsa bifa ule Waaqaa ch'ufa qabuuni fulla ch'ufati ifsite. Kunini ifsa bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi arti jiru, garsiisu. Anini waan suni ch'ufa arginaani isa durati lafaani ufi d'ae qonqo nami dubbatu d'agaye.


Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?


Duuba Musafi Harunini worra Israeli durati gajejed'ani.


Anini Waaqa abba keetiti, Waaqa Abrahamuti, ka Isaaqoti, ka Yakobooti. Jennaani Musani Waaqa laalu sodaate fuula d'ofate.


Haga worri tae nama fit'u, anini koba achiti hafe; jennaani lafaani ufi d'ae, iyye waan jed'e, Ee, AABBO Waaqa gudda, atini nama Yerusalemu keesa jiru akana iti dallante, nama Israeli keesa jiru ch'ufa hobaafta?


Inni olmillate nama sadi ka ejaanju arge jennaani kae fuula ke fiige gajed'e


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite