3 Saraiini Hajiri Abramu kennite, aka isiini niiti isaa taatu. (Wonti kunini eegi Abramuuni ganna kud'ani lafa Kanaani keesa tae taate.)
Jennaani Saraiini waan Abramuuni jette, Wollaala keetifi Hajiriini ch'eera na d'abde. Anumati isi sii kenne, ammo isiini haga garaacha ufirati garte ya ch'eera na d'abde. AABBO Waaqi anaafi si nama fulla injirre ha laalu.
Hajiri gaara Sinai ka lafa Arafti keesa jiru fakaatti; isiini fakeenna dira gudda Yerusalemu amma jiru qabdi, ka nami isa keesa jiru ch'ufti tisse.
Solomonini dubra d'ibba torba fuud'e ammalle nad'eeni d'ibba sadi d'ibi barate worraati galfate. Duuba nad'eeni suni Waaqa iraa isa gorsite.
Eegi inni Hebroni kae Yerusalemuti godaane, Daudini gaarayootafi nad'eeni d'ibi guure ilmaani d'iiratifi ta dubrale heddu d'ale.
Ato Israeliini lafa suni keesa jiru, Reubeniini niiti jaalto abba isaa ta Bilha jed'ani barate; duuba Israeliini waan kana d'agaye aka hama dallane. Yakobooni ilmaani d'iira kud'ani lama qaba.
Halkanuma suni Yakobooni kae nad'eeni isaa lamaanifi nad'eeni hojattu lamaanifi ijoolle isaa kud'ani toko fud'ate galaana Yaboki taake.
Leani aka guddo deemte agarte jennaani hojattu isii, ta Zilpa jed'ani, Yakobooti kennite, Niiti tolfad'u jette.
Duuba isiini Bilha d'iirsa ufiti kennite, inni isi barate.
Tanaafi inni gara Ishmaeli ilma Abrahamu d'aqe, intala isaa ta Mahalathi jed'ani, oboleeti Nebayothi, fuud'e.
ammo gaafa jiru ijoolle isaa ta nad'eeni isaa d'ibiini, Sara male, d'alteefi hand'ura naqeefi. Duuba eegi suni ijoolle isaa taani ch'ufa, Isaaqo male, ilaboruti ufiraa godaanise.
Abramuuni Hajiri garaacheese; isiini aka garaachoofte ufi agarraani Sarai ch'eera d'abde.
Gaafasi ganni Abramuu saddeetami jaa.
Ammalle haati intala halkumaa ta gosa Misiri garteefi.