Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 15:6 - KITAABA WAAQA

6 Abramuuni AABBO Waaqa d'ugeefate, maro d'ugefacha isaatiifi AABBO Waaqi isa maache nama d'ugaati isa herege.

Gade chapit la Kopi




Uumama 15:6
10 Referans Kwoze  

T'aafiini ta, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, duuba maro d'ugefacha isatiifi d'uga isaa heregani jettu ya guutamte. Waaqileeni, Jaala kiyya isaani jed'e.


Gammadi Daudiini dubbate kunini ka worra qabanqaba qabate ch'allaa? Hiyyo ka worra qabanqaba inqabatinile. Wonti akanatiifi nu ya waan t'aafiini jettu himne, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, maro d'ugefacha sunitiifi Waaqi nama d'ugaa isaani jed'e.


D'ugefachaani Abrahamuuni, gaafa Waaqi isa yaame ch'aqase, lafa Waaqi isaa kakhate d'aqe. Inni kae lafa ufi keesaa deeme, ka gara deemu imbeenne.


Isa waan inni tahe sunifi qaabatani d'uga iti heregani, haga jiru jireennale woma sunifi qaabatani.


Inni eegi suni qabanqaba qabate, qabanqabaani tunini beesisa Waaqi isaa kenne, ka maro d'ugefacha isaatiifi d'uga isaa heregani agarsiifti, ato inni qabanqaba inqabatini. Tanaafi Abrahamuuni Abba worra Waaqa d'ugefate ka Waaqi d'ugaa heregeefi ch'ufa, ato qabanqaba qabachu d'ibaatele.


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


Atini aka inni si sodaatu agarte wold'aqisa isa woliini tolfate. Atini isati kakhate, lafa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Amoritifi ta Perizitiifi ta Yebusitifi ta Gergishile, siifi d'aloota keeti keenna jetteeni. Waan atini abba d'ugaatifi, kakhu tante guute.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite