Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 15:5 - KITAABA WAAQA

5 AABBO Waaqi isa alati baase waan jed'eeni, Me, gubbaa ilaali, yo dandeete urji tana ch'ufa hedi; ilmaani tante hagasi geeti.

Gade chapit la Kopi




Uumama 15:5
22 Referans Kwoze  

Ato namichi kunini jaare rerepele, ijoolle aka urji jirtuufi ta aka maansa afaani galaana d'ale.


Abrahamuuni d'ugefateti abdate, gaafa duri abdiini injirre, tanaafi abba gosa heddu tahe. Akuma t'aafiini jettu, Ilmaani tante heddu taati.


AABBO Waaqi keesani yayu isaani daraarse, aka urji gubaa isani heddeese.


Hojattu tante Abrahamufi Isaaqofi Yakobo qaabad'i, ammalle kakhu atini worrati kakhatte, ta atini, D'aloota keesani heddeese aka urji garaa waaqaa tolcha jette, ka ammalle atini d'aloota suni ch'ufa kakhatteefi lafa haga jiru jireenna isanii kenna jette, qaabad'i.


Anini inkakhad'a, aka ilmaani heddu ta aka biyye tana, yokhaani ta haga urji Waaqa gubbaa geetu, sii kennu. Ilmaani tanteleeni nyaapa ufii dabsatte,


Gaafa ababooti teesani lafa Misiriti godaante, worri nama torbatama ch'alla, ammo amma AABBO Waaqi keesaani ya isani daraarse, aka urji garaa waaqa isani tolche.


Anini d'aloota hojattu tiyya Dauditifi qaalole gosa Lawi daraarse lafa ira dabarsa duuba akanaani worri lafa ira dabre, akuma urji gubbatiifi maansa afaani galaanale dandaani inhenne worrale akasuma dandaani inhenne.


Inni urji ch'ufa hede isi ch'ufa maqa isiitiini yaama.


Daudini nama Israeli ka ganni isaa diddama jala inhenne, wonti akanatiifi AABBO Waaqi qara kakhate waan jed'e, Anini gosa Israeli hedese, aka urji gubbaa lafa ira dabarsa.


Anini ilmaani guddo sii kenna, ta gosa guddo taatu. Anini si eebise maqa dansa sii kenna, aka maqa kanketiini namaa eebisani.


Isiini aka biyye tana taate, lafa tana mirgaa bitaa fud'atte sifi ilmaani teetiini gochi ch'ufti eeba argatti.


Anini ilmaani heddu ta haga urji garaa Waaqa geetu sii kenne lafa tanale ch'ufa ilmaani sunii kenna. Gochiti ch'ufti ilmaani tante gula eeba argatti.


Ammalle waan jetteeni, Anini si horsiise ilmaani heddu sii kenna, ta nami tokoleeni hedu indandeenne.


Anini d'aloota kanke daraarse aka biyye tolcha; yo dandaani biyye hedani d'aloota keetile hedani.


Anaafi sii wold'aqisa woliini tolfanne ilmaani heddu sii kenna.


Jennaani anini Abrahamu ababo keesani lafa galaana Frati gamaati fuud'e, dura deeme lafa Kanaanitini d'ufe ilmaani heddu kenneefi. Anini Isaaqo isaa kenne,


Anini amma jiddu gumi atini fohate jira, gumi heddu muumme inqamne.


Atini ilmaani heddu aka urji gubba jirtu worraa kennite, lafa ababoota worrati kakhate harka worrati kennite, keesa qubsiifte.


Gubba millad'i, aka dumansi olfago ilaali!


Ababo keesani Abrahamufi Sara ta isani d'alte qaabad'a. Gaafa anini Abrahamu yaame inni ijoolle inqabu, ammo anini isa eebise, ilmaani kenneefi daraarse.


Inni halkani suni bule jennaani hori oboleesa isaa Esau kennu fed'u hori ufii keesaa fohe:


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite