19 eebiseefi waan jed'e, Waaqi Guddaani, ka lafafi gubba uume, Abramu eeba kenninna!
Abramuuni harka olfud'ate kakhate waan jed'eeni, Anini Waaqa AABBO Gudda, ka lafafi gubba uume durati kakhad'a,
Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.
Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.
Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.
Lafafi wonti isi keesa jira ch'ufti ta AABBO Waaqaati; biyyeefi wonti isi gubba jira ch'ufti tama isaati.
Inni waan jed'eeni, AABBO Waaqi si eebisinna, intala tiyya; jaalalti tunini ta qarale ira guddo, waan atini kaima, dureesafi hiyyeesale, gula indeeminiifi.
Isiini nufi Paulo gula deemte iyite waan jette, Worri kunini hojattu Waaqa Guddaati, ta kara baha isani agarsiiftu.
Hojuma suni inni gammada Lubbu Qulqullotiini waan jed'e, Galata si deebisa, Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana qarofi nama wo beekhu d'ossite ijoolle didiqo garsiifteefi. Ee, Aabbo, wonti akana kuni fed'i tanteti.
Anini hojja AABBO Waaqa, Waaqa gubbaa kad'ad'u, maaniini d'ufaafi? Anini jiboota fuud'e gube sorio AABBO Waaqaa baasa?
Gubbaani ta AABBO Waaqa ch'alla, ammo inni lafa yayu namaa kenne.
nama worri suniti erge waan jed'eeni, AABBO Waaqi isani eebisinna, waan isani hayyu keesani Saulo naattani awaaltanifi.
Worri kunini gosa kud'ani lama ta Israeli; ammalle wonti abbaani worrani jed'e gaafa Nagayaati jed'e eebiseefi suni.
Akasi jennaani Yakobooni Farao eebise, Nagayaati jed'e biraa deeme.
Jennaani Yusufuuni abba isaa Yakobole Faraotiini d'ufe, Yakobooni Farao eebise.
Sagale miooftu anini fed'u d'aabi naa kootiini, aka anini nyaad'e, ato induiinu si eebisu.
Inni isi hampaare, ufira teteesise, harka ira kaye eebise.
wonti akanatiifi bineensi baddati gallu ch'ufti kiyyuma, horiini gaareeni heddu gubba jiruleeni ch'ufti kiyyuma.
Wonti ani fed'u, aka atini maqa AABBO Waaqa, Waaqa lafafi gubbatiini kakhattu, aka atini gurba kiyya dubra gosa Kanaani inkad'anneefi fed'a.
Samuelini Sauloti d'ufe jennaani Sauloni isa nagaya fuud'e waan jed'eeni, AABBO Waaqi si eebisinna! Anini dubbi AABBO Waaqa ya gula deeme guute.
Gubbaleeni haguma geetunu ta AABBO Waaqa keesaniti: lafafi wonti isii keesa jiraleeni ch'ufti ka isaati,
Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.
Hayyu Hezekiafi jaaroleeni waan baasani kana ch'ufa agarte jennaani AABBO Waaqa faarsite gumi isaa ta Israeli eebifte.
AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!