16 waan qara fud'atani iraa buuse. Ammalle Lutu, ilma oboleesa isaa ka boojiani, isaafi hori isaa ch'ufafi nad'eenifi worra qara boojianile deebise.
Daudini AABBO Waaqa gaafate waan jed'e, Nyaapa kana reebe ind'aqaba? Inni waan jed'eeni, Reebi, atini d'aqabde worra boojianile ch'ufa iraa buufta.
Eenuti nama wo had'u ilaboruuti ga kaase fulla inni bahe ch'ufa dabsacha keennafi? Eenuti hayyootafi gosale ch'ufa isa dabsachiisa? Inni goraade ufitini worra d'ae bulleese, t'iya isaatini aka bua buuyo qilleensati firfirsa.
Anini ilmaani guddo sii kenna, ta gosa guddo taatu. Anini si eebise maqa dansa sii kenna, aka maqa kanketiini namaa eebisani.
Abramuuni aka ilma oboleesa isaa qabani d'ageennaani nama olla isaa ch'ufa ka had'i dandau, nama d'ibba saditiifi kud'ani saddeeti, wolti yaame hayyoota afraani taani haga lafa Dani reebani.
Jennaani Yusufuuni abba ufii awaalu d'aqe. Duuba hojattu Faraotiifi jaarole worra isaatiifi jaaroleeni lafa Misiri ch'ufti Yusufu woliini yaate.