6 Tanaafi lafti suni worra lachu wolti fuud'u dad'abde, waan worri hori guddo qabuufi.
Ammo worri dureesa tahu fed'u ilaalacha keesa seene, t'urura daallumatiifi ka d'araa hamtu keesa seenani, ka baditi nama hirkisu.
Abramuuni niiti isaa Sarai fud'ate, Lutu ilma oboleesa isaale fud'ate, horifi tissele Harani keesati horate ch'ufa fud'ate, lafa Kanaaniti godaanaa kae. Lafa Kanaanitiini baannaani,
Isii jed'e hayyuuni Abramu waan dansaa tolche, reefa, loonifa, harrefa, tisseleefi gaalale kenneefi.
Abramuuni guddo dureesa, horifi qarsifi worqile qaba.