Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 13:15 - KITAABA WAAQA

15 Lafa ati agarte tana ch'ufa siifi ilmaani teeti kenna, haga jiru jireenna teesani taati.

Gade chapit la Kopi




Uumama 13:15
31 Referans Kwoze  

Atini Waaqa keenna, ka gaafa worri kanke ka Israeli lafa tanati qubate, gosa qara lafa tana keesa jirtu gussite lafa tana ilmaani jaala kanke Abrahamuti, haga jiru jireenna kennite.


AABBO Waaqi Abramuti mullate waan jed'eeni, Lafti anini ilmaani teeti kennu kuno tana. Jennaani Abramuuni artiti fulla sorio iti qalani AABBO Waaqaa, ka qara isati mullate, jaare.


Anini lafa Abrahamufi Isaaqoo kenne taani siifi ilmaani teetile kenna.


Hojuma sunii achumati AABBO Waaqi Abramuuni wold'aqani waan jed'eeni, Anini lafa tana ch'ufa d'aloota keeti kenna, galaana Misiriti asi haga galaana gudda ka Frati jed'ani,


Waaqi lafa suni gaafasi ejata tokole isaa inkennine, ammo Anini siifi d'aloota kanke ka hegeri d'ufuu kenna jed'e iti kakhate ato inni ijoolle ind'alfatini.


Nami d'ugaa lafa d'aale, haga jiru jireenna keesa taa.


Nami AABBO Waaqi eebise lafa d'aala, ammo ka inni abaare keesaa gussani.


Ayyaana worra ufi diqeesu: lafa ch'ufa d'aalani!


Israelitini jettu: Hojja lafa Kanaani ta anini isanii kennu seentani, seeri lafa teesani akana taha.


AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beena, armaa yaa, sifi worri kunini ka atini lafa Misiri keesaa d'ufteeni; gara lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi d'aloota worrati Inkenna jed'e kakhad'e d'aqa.


waan naani jed'e, Anini si daraarse ilmaani tante heddu taati; lafa tanale sifi ilmaani teetii kenna, haga jiru jireennale teesani taati.


Yo inni jed'e, kuno, AABBO Waaqi bira eja. Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqo; lafa atini amma ira ch'iiftu tana sifi ilmaani teetii kenna.


Inni akuma Abrahamu eebise siifi ilmaani tanteeti eebise lafa atini amma keesa jirtu tana, ta duri inni Abrahamuu kenne, tante tolchinna.


AABBO Waaqi, Waaqi gubbaa, worra kiyyafi lafa fiit'a tiyya keesaa na baase, aka lafa tana anaafi d'aloota kiyyaa kennu kakhate. Inni malaika isaa si dura erga, aka atini niiti gurba kiyyaa agartu.


Nu, gosa tante qulqullo, nyaapi d'ufe lafa teenna keesaa nu baase, mana kanke qulqullole seene t'ureese.


Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Tunini lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobooti kakhad'e, ilmaani teesaniti kenna jed'e. Anini ya sii agarsiise ammo atini achi ingeetu.


Eegi tana ilmaani isaa gosa guddo taate, gochiti lafa tana ch'ufti worrani eeba argatti.


Kai, lafa tana haguma geetunu ke deemi, ilaalad'u, wonti akanatiifi anini ch'ufa sii kenna.


Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa, ka lafa Uru ta Kaldayo keesaa si baase lafa tana sii kenne.


Isiini aka biyye tana taate, lafa tana mirgaa bitaa fud'atte sifi ilmaani teetiini gochi ch'ufti eeba argatti.


Yusufuuni waan oboleyaani isaatini jed'e, Anini la duu gahe; insodaatina, ammo Waaqi inuma isani qorqorate lafa tana keesaa lafa duri inni Abrahamufi Isaaqoti kakhateti isani galcha.


Hojattu tante Abrahamufi Isaaqofi Yakobo qaabad'i, ammalle kakhu atini worrati kakhatte, ta atini, D'aloota keesani heddeese aka urji garaa waaqaa tolcha jette, ka ammalle atini d'aloota suni ch'ufa kakhatteefi lafa haga jiru jireenna isanii kenna jette, qaabad'i.


Maro dansumafi qajeeluma teesanitifi AABBO Waaqi lafa suni isanii inkennu, ammo maro hameenna worraatifi maro inni kakhu duri ababoota teesani Abrahamufi. Isaaqofi Yakobooti kakhate guutu fed'uufi, inni worra lafa keesaa isaani duraa gussa.


Waan jed'eeni, Anini lafa Kanaani sii kenne, isiini hand'ura ke taati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite