8 Duuba AABBO Waaqi lafa ch'ufa keesa worra gargari baase wolhanqise; jennaani worri ijaarsa dira suni lakise.
Inni harka ufitiini jabeenna agarsiise jara heregaani ufi saadu firfirse.
Gaafa ka waan ch'ufa ira jiru lafa gosaa qoode, gaafa inni ilmaani namaa gargari baase, inni gosa ch'ufa lafa kenneefi, gumi Waaqa gula.
Worri kunini ch'ufti worra ilmaani Nuhu iraa hore, d'alootafi gosa isaani gula. Worra kana iraa gochiti lafaa ch'ufti baate, eegi fach'ai bisaani lafa balleese.
Eberileeni ijoolle lama ta d'iira d'ale: ka qara maqa Pelegi baasanifi, wonti akanatiifi ato inni jiru lafti gargari qoodamte; ka lameeso maqaani Yoktani.
Tanaafi dira suni maqa Babeli baasani; wonti akanatiifi achiti AABBO Waaqi afaani nama ch'ufa wolmillise, achumaani nama ch'ufa gargari baase wolhanqise.
Jennaani waan jed'ani, Koota me, dira jaaranne, mana d'eera ka fiit'eeni isaa Waaqati ejitule jaarra, aka gurra baafanne lafa ch'ufa keesa gargari imbaane.
Dallansuuni worraa guddo hamtu, miri worraa diqa, naasule inqabani. Waaqi ha worra abaaru. Anini gosa Yakobo keesa worra gargari qoode, lafa Israeli keesa gargari firfirsa.
Nu imbeenna, nyaapi kanke ch'ufti inhobaa, nama ch'ubbu tolche ch'ufa imballeesani.
Tana ira worri afaani baariini tau hore. Tunini ilmaani Yafethi, ta isiini ch'ufti gosafi lafafi afaani ufile kobaa qabdu.
AABBO Waaqi mala gosa d'ibi balleese, herega biyyale yaka.