5 Jennaani AABBO Waaqi gadi bue, dirafi mana d'eera nami jaare argu d'ufe
Anini tanaafi achi d'aqa, aka himachaani suni d'arafi d'uga ilaalu.
Nami tokoleeni ka takuma gubba d'aqe injiru, Ilma Nama tokocha, ka gubba gadi bue male.
Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.
Duuba iftani kurfo taha; wonti akanatiifi guyya suni, ka nami ch'ufti argu, anini gaara Sinai gubbaa d'ufa.
AABBO Waaqi Mana isaa qulqullo keesa taa; barch'umaani isaa ka guddinna gubba jira. Inni ila ufiitini nama ch'ufa ilaale, waan worri tahu beekha.
AABBO Waaqi fiit'e gaara Sinai gubbaa d'ufe Musa yaame, Musani iti olkore.
Aari gaara suni duuche, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ibida keesa gaara suniti d'ufe, aari sunini aka aara boola faara iti gubani olbahe; jennaani gaari sunini aka jaba chochoe.
Tanaafi anini amma aka harka worra Misiri keesaa baasufi gadi bue, ammalle aka lafa suni keesaa baase lafa ballo dansa, ta aananifi dammi aka lolaa yau, lafa gosa Kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Parizi, ta Hivi, ta Yebusii geesa.