4 Jennaani waan jed'ani, Koota me, dira jaaranne, mana d'eera ka fiit'eeni isaa Waaqati ejitule jaarra, aka gurra baafanne lafa ch'ufa keesa gargari imbaane.
Nu achi iyyaanu, insodaanna worri nu ergine waan nuni jed'e, worri lafa suni worra jajaba d'ed'eera, haga arba gagahu, ka dira worrale naabo isaa d'akhaani marsani waaqati d'aabani jaarani.
Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?
Inni harka ufitiini jabeenna agarsiise jara heregaani ufi saadu firfirse.
waan jed'e, Diri guddaani kunini ch'ufti Babiloniniti? Ka anini irre tiyyaani jaare, keesa qubad'e, guddinnaafi jabeenna kiyya garsiise.
Qaabachani nama d'uga qaabatani eeba namaa taati, ammo ch'ubbicha maqaani isaa yoosu lafa iraa bada.
Worra Israeli d'agaya! Isani arra galaana Yordani taakitani lafa gosa isani ira guddotifi isani ira jajabdu fud'achu d'at'ani. Diri worraa gudda, old'eeresani, d'akhaani marsani jaarani.
Daudini nama kuma kud'ani saddeeti ka Edomu bale sooda keesati fit'e gallaani haga qarale ira gurri d'ufe.
Mukhi suni guddate old'eerate, waaqati eje, duuba nami laafa keesa jiru ch'ufti dandae arga.
Gaafasifi eegi sunile worra gugurda toko lafa jira, ka haga woi gagahu, ka dubarti namaatiifi ilmaani Waaqaa d'alte. Worri worra jajaba duri, ka lafa keesati gurra qabu.
Ee hayyicha, mukhi d'eerani jabaani suni si. Atini guddatte, guddinni kanke waaqa d'aqabe, jabeenni kankeleeni muumme lafa ch'ufaa gaha.
Nu imbeenna, nyaapi kanke ch'ufti inhobaa, nama ch'ubbu tolche ch'ufa imballeesani.
AABBO Waaqi gosa ch'ufa keesa gargari isani firfirse, aka fiigi keesani nama tatake tahu.
Duuba bubbeeni sunini hobolo olfuute, bisaani keesati olch'ech'esifte. Gaargala suni keesati jari sunini mumudame,
Ato Babilonini gubba yaabatte achiti mana jajaba jaarattele, anini inuma nama isi balleesu iti erga. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Tanaafi amma, ee hayyicha gorsa kiyya ch'aqasi, fud'ad'i. Ch'ubbu lakisi, waan dansaa tolchi, hiyyeesale nahi, duuba atini horteeti bulta.