Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 10:5 - KITAABA WAAQA

5 Tana ira worri afaani baariini tau hore. Tunini ilmaani Yafethi, ta isiini ch'ufti gosafi lafafi afaani ufile kobaa qabdu.

Gade chapit la Kopi




Uumama 10:5
26 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi worra sodaachiise, waaqoota worrale waan woma keesa injirre tolcha. Duuba gochiti ch'ufti lafa ufi keesati isa durati gajette kad'ati.


Lafa Kitimu jed'ani ta ila aduu d'aqaa, lafa Kedari ta ilaborule nama iti erga. Duuba inagartani, aka wonti akana kunini takaa lafa keesati intahini.


Inni ufi jibbaate garaa ilaafu haga lafa ch'ufa keesati d'uga jabeese guututi. Lafti fagoleeni seera isaa guddo teete eegatti.


Tunini ilmaani Hamu, ta isiini ch'ufti gosafi lafafi afaani ufile kobaa qabdu.


Hobolooni sunini lafa fagooti gumi Waaqatini d'ufti. Isiini qarsifi worqi maqa AABBO Waaqa qulqullo Israelitini guddisaniini d'ufti — Waaqa ka gosa ch'ufa gumi isaa guddisisu.


Inni nyaapa isaatiifi worra lafa fago taule waan worri tolche gula gaargalcha.


Anini hurrise d'ufe worra baasa, baafami kiyya d'io jira. Amumati harka kiyyaani gosa ch'ufa fida. Lafti fago na eedde irre tiyya abdatti.


Na ch'aqasa, gosa lafa fago teetu ch'ufa! Ato anini ind'alatini AABBO Waaqi na fohate hojatu na tolfate.


Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Worri lafa fagoleeni waan anini tolche arginaani mudame holate, wolti bahe ga d'ufe.


AABBO Waaqa durati gochiti ch'ufti woma keesa injirtu, d'impu bisaani fakaati. Lafti fago ta bisaani jiddu jirtuleeni akuma awaara sablatti.


Worri ilaboruleeni isa faarsa. Ammalle nami d'aatu baariini tau AABBO Waaqa Israeli faarsa.


Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.


Eberileeni ijoolle lama ta d'iira d'ale: ka qara maqa Pelegi baasanifi, wonti akanatiifi ato inni jiru lafti gargari qoodamte; ka lameeso maqaani Yoktani.


Ilmaani Yavani: Elisha, Tarshishi, Kitimu, Warodani.


Ilmaani Hamu tana: Kushi, Misiri, Putu, Kanaani.


Wonti AABBO Waaqi dira Tirotini jed'u tana: Hojja nyaapi isani had'u, nami afaani baariini tau iyyanna nama hobaasanitiifi gurra qabata.


Amma tana, guyya dira kana balleesani, lafti bisaani marsanileeni ch'ufti holatte, nami keesa tauleeni badi teesani arginaani guddo naha.


Eegi suni inni gosa afaani baariini teetu had'e heddu dabsata. Ammo namichi abba duula ka lafa d'ibi isa dabsate, kiyyiba isaa suni iraa kuta; d'uguma inni kiyyiba hayyu lafa mirgaa isumati deebisa.


Nami ch'ufti ka lafa keesa jiru ilmaani Nuhu tana sadeeni iraa hore.


Worri kunini ch'ufti worra ilmaani Nuhu iraa hore, d'alootafi gosa isaani gula. Worra kana iraa gochiti lafaa ch'ufti baate, eegi fach'ai bisaani lafa balleese.


Gaafa ka waan ch'ufa ira jiru lafa gosaa qoode, gaafa inni ilmaani namaa gargari baase, inni gosa ch'ufa lafa kenneefi, gumi Waaqa gula.


Jennaani hayyu Ahasueroni worra afaani baariini taufi ka garaa lafa tauni, Damoosa baasa jed'e.


Gaafasi Aabbooni ammalle harka ufii d'eerefate, nama isaa ka lafa Ashurutifi Misiritiifi, Pathrositifi Kushitifi Elamutifi Babilonitifi Hamathitifi lafa d'aatu baariinitifi lafa bisaani baariini jiddu jirtu keesati hafe, galcha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite