9 Jennaani Waaqi waan jed'e, Bisaani lafa gubbaa jirani ha fulla tokoti wolti deebiani, aka biyyeeni godduuni mullattu; duuba akuma suni taate.
Worri suni ato beekhu, waan kana dida: duri Waaqi dubbannaani lafafi gubba uumani. Lafa suni bisaani keesaafi bisaaniini uumani,
Inni waan jed'eeni, Anini nama gosa Ebrania; ammalle anini AABBO Waaqa gubbaa, ka lafafi baariinile uume sodaad'a.
Anini AABBO Waaqa; isani maafi na insodaanne? Maafi na durati inholanne? Anini seera baariini maansa tolche lafaani gargari baase seera jiru jireenna ka bisaani indabarre. D'awani ato baariini chochooftele bisaani dandaani seera suni intaakani. D'awani ato dibbiftele dandeete inch'absitu.
Inni baariinifi lafale harka ufiitini uume fida.
Galaani ch'ufti baariiniti yaa, ammo baariinini inguutamtu. Bisaani fulla galaani gabahufi yaani, deebiani ammalle gadi baafatani.
Inni bisaani ch'ufa fulla tokoti wolti deebise, d'immu baariinilee fulluma isiiti ch'ufe olkaye.
naanno baariini gubbaati mid'aase akasiini ifsafi dukana gargari qoode.
maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.
mana kanke bisaani gubba irati jaarate. Atini dumansa gaari tolfate, koola bubbe yaabate.
Inni gubba gama mirga ballise, lafa akanumati ka womati infannisiini raraase.
Waaqi waan bisaani gargari baasa suniini Gubba jed'e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya lameeso.
Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.