31 Waaqi wonti inni mid'aase ch'ufti guddo dansa arge. Galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya jaeeso.
Wonti Waaqi uume ch'ufti dansa; waan tokole didu himmalle, ammo waan ch'ufa galata deebisani fud'achu malani;
Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.
Guddinni AABBO Waaqaa ha haga jiru jireenna tahuti! AABBO Waaqi waan inni uume ira ha gammaduti!
Wonti dansaafi hamtuleeni jechuma isaa gula taati.
Guyya suni bakalchi ganama woliini sirbe malaikaleni gammadani iyyite.
Guyya torbeeso Waaqi huji ufii ch'ufa hobaamnaani boqote.
Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya shaneeso.
Waaqi waan bisaani gargari baasa suniini Gubba jed'e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya lameeso.
Jennaani Waaqi ifsaani guyya jed'e, dukanaani halkani jed'e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya qara.
Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya afreeso.
Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya sadeeso.
wonti akasitiifi dubbi Waaqaatiifi kad'achati waan kana Waaqa durati qulqulleesa.
Guyyaani suni akheekha haga jiru jireennati, ka jiddu tiyyafi worra Israeli jiru; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, guyya jaa keesati lafafi gubba uume, guyya torbeeso oole hafuura baafad'e.
Atini sagale kenniteefi jennaani nyaatani quufani.
Atini akami dansa akami namaa naata! Aada tante na barsiisi.
AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.
Inni hojja waan ch'ufa tolchani ya mid'aase. Inni herega waan iti deemani ya namaa kenne, ammo waan inni tolchu quubse nama ingarsiisu.
Duuba Waaqi guyya torbeeso eebise guyya jaba tolche; wonti akanatiifi Waaqi gaafasi huji uumama ch'ufa hobaase boqote.
AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.