Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 1:3 - KITAABA WAAQA

3 Jennaani Waaqi waan jed'e, Ifsaani ha tahu; duuba ifsaani tahe.

Gade chapit la Kopi




Uumama 1:3
22 Referans Kwoze  

Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Ifsaani dukana keesa ifsa, dukanti taka ind'aamfine.


Anini ifsa mid'aase dukanale uume gaargalaafi nagayale namaatiini d'ufa. Waan kana ch'ufa ana AABBO Waaqa tolcha.


Ifsa guyya ka adu deebite imbarbaadu, halkanile ifsa jiale woma ira inqabdu; ifsaani kanke ka jiru jireenna anuma, AABBO Waaqa, ifsaani guddinna kiyyaleeni sii ifsa.


D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.


Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.


Ifsaani d'uga, ka nama ch'ufaa ifsu, lafati d'ufu jira.


Muraani sunileeni tana; ifsaani lafati d'ufe, ammo ifsaa suni ira, biyyiti dukana jaalati, waan hujiini isa hamtutiifi.


AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.


Worri ch'ufti ha maqa AABBO Waaqa faarsu. Inni dubbannaani worra ch'ufa uumani;


Ifsaani nama d'ugaati ifse, nami qajeelaleeni gammada argata.


Inni dubbannaani lafti uumamte, jecha isaa gula wonti ch'ufti mullate.


Taatule, seeri anini isani t'aafu hareesa, aka inni d'uga, isanifi Kristole keesati inargani. Wonti akanatiifi dukanti dabru jirti, ifsaani d'uga yayu ifse.


wonti mullisani suni ch'ufti ifsaa taati. Wonti, Kai, nama rafe, duisa keesaa kai, Kristoni siti ifsa jed'aniifi tana.


Atini gubba aka waaro ballifte,


Atini fulla ifsaani bahufi beeta?


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


AABBOONI Waaqa; inni haguma duriti nuu dansa. Qooti guura, jila iti keeyad'a, waan sorio irati baasanini mara.


Inni angaasu gubba ch'ufati angae, ammo d'immuuni bisaani dukana keesati hafti.


Waan kana jennaani inni qonqo olfud'ate lalabe, Lazaro, kooti, gabahi jed'e.


Yesoni harka diriirfate, isa tuqe waan jed'eeni, Imfed'a, fayyi. Inni maro tokotu d'ukuba suni fayye.


Uumami lafafi gubba akasiini tahe. Gaafa AABBO Waaqi lafafi gubba uume,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite