29 Jennaani Waaqi waan jed'e, Anini mukha mid'aani killetiifi ka mich'iraani qabuufi ka inqamnele ch'ufa ya isanii kenne, nyaad'a quufa.
Waan lubbu qaba ch'ufa, mukhaafi bineensale, ya sii kenne, aka isiini sagale sii taatu.
Lafafi wonti isi keesa jira ch'ufti ta AABBO Waaqaati; biyyeefi wonti isi gubba jira ch'ufti tama isaati.
akuma nami toko jed'e, Nu isa keesa yaane teteenne jireenna arganna. Akuma namichi keesani toko sirba keesa jed'e, nu ijoolle isaati.
Taatule inni waan isa d'ugeesa taka ind'amne ammo waan dansa tolche, isanii roobe, mid'aani isanii kenne garaa keesani sagalefi gammadaani quufsa.
Inni sagale horii kenne, ilmaani haranqeesale, hojja isiini isaa kad'atu, nyaachisa.
Inni waan lubbu qaba ch'ufa sagale kennaafi; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.
Liqimsa teenna ta arra nuu kenni;
Aki inni nama gololche, sagaleeni nama quubsu akana.
Ammalle waan jed'eeni, Mid'aani oobru tana ke jira ch'ufa nyaad'i,
Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.
Isiini aka nami mid'aani, daad'i, d'ad'a, ammalle qarsifi worqi worri kad'acha waaqa Baali jed'ani suni baasu isii kenne, ana inhubbanne.
ch'allati bahe, fulla jajabdu iti d'okhatani gaara gubbati tolfate nagayaani taa. Inni sagaleefi bisaanile argata.
nama dabsanile dubbate nama beela qabule beela baasa. AABBO Waaqi nama hid'aansa keesa jiru hiikhe,
Gubbaani ta AABBO Waaqa ch'alla, ammo inni lafa yayu namaa kenne.
Inni nama isa sodaatu sagale kenne, wold'aqisa ufile hojja ch'ufa qaabata.
Worri kunini nad'eeni fuud'itiifi sagale gosa gari nyaati fullaaniti jed'a. Ammo Waaqi sagale tana aka, eegi galata deebisani, worri d'ugefate d'uga baratu nyaatufi mid'aase.
Ammalle sagale gosa ch'ufa ta nyaatani fuud'i olkayi, aka isiini liqimsa namaatiifi ta bineensale taatu.