ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.
Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli ka barch'uma kanke ka waan lubbu qabu ka koola gubbaa jiru ira teetu, siuma ch'allati lafafi gubba uume lafafi nama ch'ufa fida.
Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.