Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Uumama 1:1 - KITAABA WAAQA

1 Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.

Gade chapit la Kopi




Uumama 1:1
67 Referans Kwoze  

D'ugefachaani, aka lafti dubbi Waaqatiini uumamte beenna, aka wonti nami ilaani argu waan nami ilaani ingarre keesaa baate.


AABBO Waaqi gubba uume — Waaqi isuma! Inni lafa supe mid'aase, jabeese waan ind'umanne tolche. Inni lafa duwa imid'aasine, ammo fulla nami iti galu tolche. Ammalle inni waan jed'u, Anini AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini injiru.


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Ammalle inni waan jed'e, Aabbo, atini gaafa qara lafa uumte, harka keetiini gubba mid'aasite,


Waaqi gubba uume ballise, lafafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, hafuura jireenna nama keesa tau ch'ufaa kenne, Duuba ammatana AABBO Waaqi waan hojatu isaatini jed'u,


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.


Gaafa anini duri yayaba lafa jaare atini arti jirta? Yo atini guddo wo beete, me naati himi.


Waaqi, ka lafafi waan keesa jira ch'ufa uume, waan inni Abba gubbafi lafa taheefi, mana harki nama ijaare keesa intau.


Worri suni ato beekhu, waan kana dida: duri Waaqi dubbannaani lafafi gubba uumani. Lafa suni bisaani keesaafi bisaaniini uumani,


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Anini AABBO Waaqa, ka isani baase; anumati isani uume. Anini AABBO Waaqa, ka waan ch'ufa mid'aase gubbale qofuma tiyya dirirse; gaafa anini lafa mid'aase namu na inqarqaare.


Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.


AABBO Waaqi jabeenna ufitini lafa uume; qarooma ufitini mid'aase, gubbale ballise;


Inni dubbannaani lafti uumamte, jecha isaa gula wonti ch'ufti mullate.


Qarooma ufitini AABBO Waaqi lafa uume hubacha ufitileeni gubba dirirse.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!


D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.


Qarooma isaatini inni gubba uume; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.


AABBO Waaqi jabeenna isatini lafa uume; qalbi ufitini inni lafa uume gubbale dirirse.


nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.


Yo anini gubba atini mid'aasiteefi jiaafi urji atini gubba nat'e dowad'u —


Atini duri lafa uumte harka keetiini gubba mid'aasite.


Mana ch'ufa namati jaara — ammalle waan ch'ufa Waaqati jaare.


Qarqaarsi keenna AABBO Waaqa, ka lafafi gubba uume iraa d'ufa.


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.


AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.


Qarqaarsi kiyya AABBO Waaqa ka lafafi gubba uume, iraa gad'ufa.


Tunini dubbi AABBO Waaqi waan Israeli dubbate, AABBO Waaqi ka gubba dirirse, lafa yayabe, namale mid'aase lubbu keesa kaye. Inni waan jed'u,


Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? AABBO Waaqi Waaqa haga jiru jireenna jiru; lafa ch'ufa haguma geetuuni isumati uume. Inni dad'abe illaafu. Nami tokoleeni herega isaa inhubatu.


Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.


Waaqooti gosa d'ibi taani ch'ufti waan harkaani mid'aasani, ammo AABBOONI ka gubba uume.


maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.


Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.


Ato gaareenifi lafale inuumiini, atini Waaquma, ammalle haga jiru jireennale Waaqa.


Anini gubba dirirse lafale yayabe. Waan anini worra Yerusalemutini jed'u, Isani gumi tiyya! Anini yayu isani barsiise harka kiyyaani isani qorqorad'e.


Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli ka barch'uma kanke ka waan lubbu qabu ka koola gubbaa jiru ira teetu, siuma ch'allati lafafi gubba uume lafafi nama ch'ufa fida.


ka lafafi gubbafi baariinifi waan keesa jira ch'ufa uume heregatu. Inni hojja ch'ufa kakhu ufi guute;


AABBO Waaqi, ka lafafi gubba uume Sioni keesaa isani eebisinna.


Anini Alfafi Omega, ka qaratiifi ka eegee, iti keyachafi muumme.


Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne.


Wonti akanatiifi guyya suni gaargala haga Waaqi lafa uume haga arrale nami taka inargiiniti d'ufa. Wonti akasi iti deebite lafa ind'uftu.


Me gubba ilaala, urji isani agartani tana eenuti uume? Nami uume isuma, ka isi tokotokooni gayaasu; inni haga isii imbeekha ammalle ch'ufa maquma isiitiini yaama! Irreeni isaa guddo jabdu, tanaafi urjini suni tokoleeni imbaddu!


Hafuura keetiini worri uumame; atini jireenna haaraa lafaa kennita.


Waaqi gosa d'ibi kaani ch'ufti waan harkaani mid'aasani, ammo AABBOONI ka gubba uume.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


ammalle aka nami ch'ufti mala Waaqa ka d'ossani amma guutani argu. Waaqi, ka waan ch'ufa uume, duri mala ufi d'ofate,


Isani AABBO Waaqa ka isani uume gubba dirirse, lafale yayabe ya deetani? Isani maanifi hojja ch'ufa dallansu nama isani dabse isani balleesu fed'u sodaatani? Dallansuuni worraa ammatana dandeete woma isani intolchitu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini lafa hareetifi gubba haraa uuma. Waan duri lafa jira deebiani inqaabatani.


Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.


Hafuura isaati goorjama baariini ka baqatu ijeese.


Tanaafi atini Waaqa ka si uume kaimoma kanke keesa qaabad'i, ato guyyaani hamaani, atini gungumte, anini jireenna inqabu jettu, ingahiini.


Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.


Eegi Waaqi gaara Sinai irati dubbi Musani jed'e ch'ufa buufate, inni d'akha hafalicha ka inni harka ufitiini seera irati t'aafe kaani iti kenne.


Isumati gubba ballise goorjama baariinile ira ejaanjata.


Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? Aka lafti duri uumamte ammalle imbaranne?


Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli, ka barch'uma kanke akheekha waan lubbu qaba ka koola gubbaa teetu, siuma ch'allaati lafafi gubba uume, ammalle lafafi nama ch'ufa fidda.


Jennaani Hiramuni, hayyuuni Tiro, tatabe gara Solomoni t'aafe waan jed'eeni, AABBO Waaqi waan gumi ufi jaalatufi ya hayyu si tolche.


nami maani, ka atini teete waan isaa hereddu? Inni maani kana, ka atini teete waan isaa yaaltu?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite