Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Tiitoo 3:7 - KITAABA WAAQA

7 aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.

Gade chapit la Kopi




Tiitoo 3:7
25 Referans Kwoze  

Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.


Ammo maro tola eeba Waaqaatiifi, kara Kristo Yeso ka nama ch'ufa baasuuni, ya d'uga hereganiifi.


Wonti akanatiifi Waaqi ya eeba ufi, maro baafama nama ch'ufatiifi, mullise.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


ta jireenna hegeri abdattu barsiiftu worra barsiisu. Waaqi, ka d'ara indubbanne, ya jireenna kana duru nuu kakhate,


Ch'aqasa oboleyaani tiyya! Waaqi hiyyeeyi lafa tana fohate, aka d'ugefachaani duroomte, finna inni worra isa jaalatu d'aamate argattu.


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Fohachaani isaa waan naasu isaati, waan worri ufiini tolfateeniti. Yo fohachaani Waaqa waan nami tolchu barbaadde, yoosi naasuuni isaa d'uganiti.


Yo isani ka Kristo taatani, isani d'aloota Abrahamuti, waan Waaqi kakhate inargattani.


Wonti kakhuuni d'ugefacha qabaachu malteefi, aka kakhuuni suni tola taate, ilmaani Abrahamu ch'ufa geetu, ilmaani seera guutu ch'allaaniti ammo ta aka Abrahamuuni d'ugefate d'ugefatele. Wonti akasiitifi Abrahamuuni abba nuu ch'ufaati.


Nu ya agarre aka nami d'ugefacha ch'allaani d'uga Waaqa iraa argatu, Seera guutitiini woma keesa injirtu.


Isani d'iirsoleeni, yo nad'eeni teesani woliini teetani, aka isiini laaftu beekha, tanaafi isii ch'eeruufi maltani; wonti akanatiifi isani ch'ufti woliini eeba jireenna Waaqa qabdani. Waan kana tolcha, aka wonti tokoleeni kad'acha teesani isani dura iyakine.


D'ugefachaani inni lafa Waaqi isaa kakhate keesa tae, aka keessuma. Waaro keesa, akuma Isaaqofi Yakobo tae, ka kakhu suni Waaqa iraa argate.


D'ugefachati Nuhu gorsa Waaqa ka ilaani ingarre, ka hegeri taha, d'ugefachiise. inni dubbi Waaqa ch'aqase, hobolo ta keesati isaafi worri isaa bahe ijaare. Kara kanaani inni wollaala lafati mure, d'uga d'ugefachaani d'uftu argate.


Waaqi worra waan inni iti khakhate argate ch'ufa diideese iti himu fed'e, aka qalbi ufi garingalfanne, tanaafi aka jaba kakhate.


Tanaafi armaa achi atini tisseeniti, ammo ilma. Waan atini ilma isaa taateefi, Waaqi d'aala ufi ch'ufa sii kenna.


Nami huji hojatu hori nyaata; horiini suni galataaniti, ammo waan inni hojate argate.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena.


Ato Yesoni kara gula deemu, namichi toko isati utaala d'ufe, jilbifate isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo dansa, anini maani tolcha aka jireenna hegeri argad'u?


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite