Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Tiitoo 2:2 - KITAABA WAAQA

2 Jaaroleeni, Ufi iwolaaliina, qalbi horad'a, ufi qorqorad'a; d'ugefacha dansaafi jaalalafi obsa horad'a jed'iini.

Gade chapit la Kopi




Tiitoo 2:2
33 Referans Kwoze  

ufi diqeesitifi ufi qorqoracha d'alti. Wonti kuni tokoleeni seera inqabdu.


Muummeeni waan ch'ufa ya d'iaatte. Tanaafi ufi tissitani kurfo tau maltani, aka Waaqa kad'attani.


Nad'eeni worraleeni ha adaba dansa qabaattuuti, isiini nama inhamaatiini; ha qalbi dansaafi d'uga qabaattuuti waan ch'ufa keesati.


Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.


Wonti inni jed'e sunini d'uga. Maro waan kanatifi aka dansa worra gorsu malte, aka worri d'ugefacha qit'e horate


Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;


Nami lubbu bule arri baase nama d'ugaa ka Waaqi eebise.


Ammo nu ka guyyaati, kurfo tau malle. D'ugefachaafi jaalala aka ubaara qomati keyachu malle, d'aabu teenna ta baafamale aka ruufa marachu malle.


Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.


Qaroomi ka jaaroleetiiniti? Hubachaani ta nama lafa buleetiiniti?


Jaarole saalfad'a, duraa kaa. Nale sodaad'a, anini AABBO Waaqa.


Tanaafi qalbi teesaniini kurfefad'a. Gurra d'aaba, ch'aqasa; abdi teesani, eeba hojja Yeso Kristoni mullatu isanii kennani, ira keyad'a.


Qalbi teesaniti deebia, kara keesani ka daba lakisa. Nami gari waan Waaqa imbeekhu; anini aka isani ch'eertanifi jed'a.


hojja jaarelle mid'aani d'ale hojja ch'ufa dotaate bahu fakaata.


hubacha teesaniti ufi qorqorti darad'a; ufi qorqorti teesaniti obsa darad'a; obsa keesaniti jireenna Waaqa darad'a;


Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi.


Ha nama bulche waan dansa jaalatu. Ha ufi qorqorate qajeele, qulqullo tahe, adaba dansaani deemu.


ha worra ufi aka dansa qorqorate ijoolle ufi saala foko barsiisu.


Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.


Tanaafi nu aka biyya d'ibi rafu himmalle; hojja ch'ufa kurfo teenne eegu malle.


Dubbi buufata, oboleyaani tiyya hojja ch'ufa dansumafi qajeelumumafi d'ugaafi balchumafi qulqulloomafi waan dansa mirgiti ta faarsu malani herega.


Yo nu maraannele maro Waaqatiifi maraanna. Yo fayya qabaanele maro teesaniifi fayya horanna.


Nami utaalcha barachu fed'u ch'ufti waan infakaanne iraa ufi d'owu male; inni aka sure haga jirtu inteenne mata gubba keyatufi akasi tolcha; ammo nu, aka ta haga hegeri teetu argannuufi akana tolchina.


Ato Pauloni tae waan d'ugaatifi ka obsaatifi ka qorsuma hegeri d'uftu dubbatu, Felikini sodaate waan jed'e, amma beeni, yo isiini naa fuute si yaama.


Jennaani beenni waan tahe argu d'aqe, Yesoti d'ufe, nama kaani ka jinniini keesaa baate qalbiini iti deebite woya uyifate fulla miila Yeso tau argani. Duuba guddo sodaatani.


Yesoti d'ufani, namicha jinni gumi qabu kaani, ka achi tau argani, ka woya uyifate, qalbi ufi qabu.


Daimi ch'araqoni deebie indeebiu nami guddaleeni haga jaare hobauti lubbu ind'abu. Nama ganna d'ibba tokoti duu kaimati heregani; nama ganni d'ibba ingahiini ka due abaarsa qaba jed'ani.


Nami huji gumi Waaqa hojatu ha adaba dansaafi d'uga qaabaatu; guddo farso d'uge insabdaiini;


Gara Timotheo, ilma kiyya ka d'uga d'ugefacha keesa: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya si kenninna.


sharmut'afi midiisafi, nama nama d'ibi hatufi ka d'ara dubbate kiyyibu, yokhaani ka barsiisa d'uga lakise waan d'ibi tolchu.


Ammalle Aabbooni eeba ufi guddise naa kenne, d'ugefachaafi jaalala ta Kristo Yeso keesati teenna taate woliini.


Nama jaarsa fakatu tokole inch'ersini, ammo aka abbeeti saalfad'ufi gorsi. Kaimale aka oboleyaani teeti tolfad'u.


Ammo waan anini si jaalad'uufi, wo si kad'ad'a. Anini waan kana ato Paulo nama maro isaatiifi hid'aansa keesa jiru taatele, inuma jed'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite