1 Ammo atini, waan barsiisaani d'ugaa feetu barsiisu malte.
Dubbi d'uga ta anini si barsiise ha akheekha sii taatuuti, jabeesi, d'ugefachaafi jaalala ta maro Kristo Yesotiifi teenna taate keesa tai.
Nami barsiisa d'ibi barsiisu, ka dubbi Aabbo Yeso Kristo ka d'ugatiifi waan aadaani teenna nama barsiiftu didu
Dubbi d'uga ha aka dansa jabeesu, ta d'ugefataniifi ta waan barsiisatini woli fakaattu. Kara kanaani inni dandae nama d'ibi barsiisa d'ugatiini qarqaare, wollaala nama didule agarsiisa.
Jechi kunini ka d'ugaati. Anini sii waan kana aka dansa jabeesitu fed'a, aka worri Waaqa d'ugefatu ch'ufti huji dansa jabeese hojatu. Wonti kunini waan dansa, nama ch'ufayu ira jirti.
sharmut'afi midiisafi, nama nama d'ibi hatufi ka d'ara dubbate kiyyibu, yokhaani ka barsiisa d'uga lakise waan d'ibi tolchu.
Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.