Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Tiitoo 1:4 - KITAABA WAAQA

4 Anini tatabe tana Titoti t'aafa; inni ilma kiyya ka d'uga, d'ugefacha nu woliini qamnu tana keesa: Waaqa Abbaafi Yeso Kristoni, Qarqaarsi keenna, eebafi nagaya isanii kenniina.

Gade chapit la Kopi




Tiitoo 1:4
31 Referans Kwoze  

Gara Timotheo, ilma ani jaalad'u: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya sii kenninna.


Jaalaani tiyya, anini guddo herege aka waan baafama nuuni ch'ufti woliini qamnu isani t'aafu; duuba tatabe tana ya isanii t'aafe aka isani jabaattani, d'ugefacha Waaqi gumi isaa ch'ufa maro tokotu kenne jabeesitani badi d'owartani.


Kara kanaani aka Finna Aabbo keennafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo ka hegeri argattani isani tolchani.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Ammo waan oboleesa keenna Tito achiti inargiiniifi anini guddo lalefad'e. Tanaafi anini biyyaani Nagayati jed'e, Makedonia d'aqe.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Yo isani waan Tito d'agayu feetani, inni wahela kiyya, ka na woliini hojatu, aka isani qarqaaru; ammo oboleyaani d'ibi ta isa woliini deemtu gumiti fohate, isiileeni Kristo guddifti.


Wonti anini jed'u tana, anaafi isanileeni wolqarqaarra: d'ugefachaani tiyya isani qarqaarte, teesanileeni na qarqaarti.


waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.


Maro waan kanatifi nu fuula Waaqa durati insodaannu; nu abdi qamna aka waan nu feenu ch'ufa inni nuu kennu, yo nu fed'i isaa gula kad'anne.


Dubbi raagooti qulqullooni duri jetteefi ammalle seera Aabboofi Qarqaarsi harka ergattu isatiini isanii kenne qaabad'a.


Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.


hojjaani geennaani dubbi ufi keesati nuti mullise. Waan kana harka kiyyati kennani, d'aamsa Waaqa, ka Qarqaarsa keenna, gula odeesa.


Gara gumi Waaqa ta Kolosai jirtu, oboleyaani teenna ta d'uga Kristo keesa jirtu. Waaqi Abbaani keenna eebafi nagaya isanii kenninna.


Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kenniina.


Wahela kiyya Tito, ato inni Griki tahele, nami tokoleeni Qabanqaba qabad'u injenneeni,


Anini Tito kad'ad'e, aka inni deemu, oboleesa d'ibile isa woliini erge. Titoti isani dabse? Anaafi inni herega takafi adaba taka inqamnu?


Nu guddo galata Waaqaa deebimna ka Tito aka nu isani qarqaarre isani qarqaarsiise!


Tanaafi nu Tito, ka huji tana iti keyate, kad'anne, aka inni dura dabre isani qarqaare huji jaalala tana woliini hobaaftani.


Ammo Waaqi, ka worra garaa laafu jabeesu, nu jabeese Tito nuti arge.


T'aafiini, Maro d'ugefad'eefi dubbad'e jetti. Akasuma nuleeni garaa d'ugefachaatiini maro d'ugefanneefi dubbanna.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.


Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.


Anini Kristo Aabbo keenna galata deebisa, ka jabeenna anini huji isaatiini hojad'u naa kenne. Anini waan inni na herege, aka anini huji isaa hojad'u na fohateefi, galata deebisaafi,


Maqaani kiyya Paulo, anini fed'i Waaqa gula ergatta Yeso Kristoti, isati na erge, aka anini jireenna maro Yeso Kristotitiifi nuu kakhatani odeesu.


Demani ya waan lafaa jaalate na lakise, Thesalonike d'aqe.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite