Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Tiitoo 1:3 - KITAABA WAAQA

3 hojjaani geennaani dubbi ufi keesati nuti mullise. Waan kana harka kiyyati kennani, d'aamsa Waaqa, ka Qarqaarsa keenna, gula odeesa.

Gade chapit la Kopi




Tiitoo 1:3
39 Referans Kwoze  

Barsiisaani Odu Dansa ta harka kiyyati kennani tana, Odu Dansa ta Waaqa gudda abba eeba iraa d'uftu.


Maqaani kiyya Paulo, anini ergattu Kristo Yeso, fed'i Waaqa Qarqaarsa keennatiifi ta Kristo Yeso abdi keenna gula.


abbooti woma dura inhatiini. Ammo ha dansoomafi d'uga garsiisani, aka barsiisa Waaqa Qarqaarsa keenna, waan tolchani ch'ufa keesati, d'ugeesitu.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Maro waan kanatifi aka jaba hojanna, waan nu abdi teenna Waaqa jiru ka nama ch'ufa baasu, keesuma worra d'ugefatu, gubba keyanneefi.


Wonti kunini dansa, ammalle Waaqa Qarqaarsa keenna gammachiifti.


Ammo nu hojja ch'ufa aka Waaqi fed'u hasoomna, maro inni nu jaalate Odu Dansa nuu kenneefi. Nu nama gammachiisu imfeenu, ammo Waaqa ka herega garaa keenna ilaalu gammachiisu feena.


Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.


Oduuni Dansaani eebaani d'ufte lafa ch'ufa gahuu jirti, akuma gaafa isani guyya qara eeba Waaqa d'ageetani waan isii hubattani taate.


Tanaafi Kristoni d'ufe, Odu Dansa ta nagaya gosa ch'ufati odeese isani gosa d'ibi ta Waaqa ira guddo fago jirtaniifi Yahudileti, ta isati d'iaattu.


Ammo hojjaani geennaani, Waaqi Ilma isaa erge. Haad'a namati isa d'ale, Seera Yahudi keesaa d'alate,


Yo sila anini huji tiyya fed'iini tolche, hori na baasu malani; ammo waan na tolchisiisaniifi, akasi aka anini huji nati kennani tolchu male agarsiisa.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Maro waan kanatifi askarti mana hayyutiifi nami arma jiru ch'ufti aka maro huji Kristotiifi na hid'ani imbeekha.


Ammo amma waan d'ossani suni ya mullisani t'aafi raagoota gula; ammalle seera Waaqa ka haga jiru jireenna tau gula ya gosa ch'ufa beesisani, aka nami ch'ufti d'ugefate ch'aqasu.


Inni huji tana jabeenna waan mamatiifi ka akheekhatifi ka lubbutiini tolche. Tanaafi haga Yerusalemuti haga Ilkiro anini ya Odu Dansa ta Kristo qit'eese odeese.


Gaafa duri nu qarqaarsa inqamne, Kristoni maro worra dabaatiifi due, guyya Waaqi fohate.


Inni nama toko iraa gosa lafa ch'ufa keesa teetu uume, lafa ch'ufa keesa qubsise. Isumati qara bara gochiti suni teetufi seera lafale tolche.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


lubbuuni tiyyaleeni yayu maro Qarqaarsa kiyyatiifi gammadde.


Inni waan worraani jed'e, Lafa ch'ufa keesa yaa, Odu Dansa nama ch'ufati odeesa.


Odu Dansa qara gosa ch'ufaati odeesu malani.


T'aafad'i, wonti akanatiifi dubbini guutamu ingeenne; ammo yoi sunini fago injiru, wonti anini si garsiisu inguutamti. D'ufisi isaa hegeri, ato turele, inuma taha, ammo eeguma eegi; guyyaani sunini inuma d'ufa, inhanqatu, ammalle guddo inturu.


Duuba hayyoota taani lamaani ta garaani worraa wolballeesu fed'u, mesa takaa ira woliini teteete wolti kiyyibdi. Ammo waan tahu fed'ani inargatani, wonti akanatiifi guyyaani wonti sunini taatu ingeenne.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Lafa suni gaafa ch'ubbuuni isii lafa ira dabarte muummeeni isii d'iaatte, hayyu mataa jaba, ka naasu inqamne, malticha hamaati, keesati d'alata.


Waaqi Israeli, ka gumi ufi baasu, Waaqa ufi d'ossu.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


Jennaani nami dumansa gubba tau kaani haamtu ufi fud'ate haame, akanaani mid'aani lafa haamani.


Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu.


waan jed'e, Hojjaani yayu geete, Finni Waaqa la d'iaate, daba iraa deebia, Odu Dansa d'ugefad'a jed'e.


Waaqa guddimna! Inni Odu Dansa Yeso Kristo ta anini odeesu gula d'ugefacha teesani jabeesu indandaa, ammalle mullacha waan d'ossa ka ganna heddu d'ossani gula.


Ammo Aabbooni na woliini tae naa jabeese, aka anini dubbi ch'ufa gosa d'ibileti odeesu; afaani nyeench'a keesaa naa baasani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite