Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Sefania 1:3 - KITAABA WAAQA

3 namafi bineensafi simpirrefi qurt'umile. Anini worra ch'ubbu gaargalche badi itiini d'ufa. Ammalle nama ch'ufa balleesa, tokoleeni ka hafu injiru. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.

Gade chapit la Kopi




Sefania 1:3
22 Referans Kwoze  

Tanaafi lafti godde, wonti keesa jira ch'ufti, bineensa, simpirre, qurt'umileeni ch'ufti hobaati.


Worri worqifi qarsi ufi akuma huura kara keesati jissa, wonti akanatiifi qarsifi worqiini worraa dandeete dallansu AABBO Waaqa dura worra imbaaftu. Worri dandae qarsifi worqi suni soorate beelaani imbahu, wonti worra ch'ubbu keesa buuse waan suni.


Ammo waan diqo toko ch'alla si quufu d'abe nama haga toko ka barsiisa Baaluma gula yau qabda, inni Balaki, aka ijoolle Israeli gufachiisu barsiise, ammalle sagale waan harkaani boch'ani baasani nyaataniifi aka sharmut'oma deemani.


Waan anini isaniti himu, Arraa achi iti deebitani na ingartani, haga isani, Waaqi nama maqa Aabbootiini d'ufu ha eebisu jettaniti.


Gaafasi anini maqa waan harkaani boch'ani kad'atani kaani lafa keesa balleesa, nami tokoleeni deebie inqaabatu. Anini ammalle nama raaga ufi tolchufi herega waan boch'ani kad'ataniini kad'atani lafa keesaa balleesa.


Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa.


Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma.


Lafti teenna haga yoomi qanch'oorate, buuyooni fulla ch'ufa gogoddi? Bineensafi simpirreleeni maro ch'ubbu gumi teenna, ta teete, Waaqi waan nu taanu inargu jettu tana amma duu jirti.


Ammo hojaani Israeli daba araaramani, hojja d'akha sorio waaqa d'araati irati baasani ch'ach'absani daara tolchani. Ammalle waan hit'aani irati aarsanifi akheekha waaqa Ashera jed'ani balleesani ch'alla.


Ammo waan worri gumi Israeliti jed'e, huji waaqoota d'ara hojate, kara sunini gumi ch'ubbu keesa buusefi, anini, AABBO Waaqi guddaani, inkakhad'a, aka worra suni gaargalchani.


Ilmi Nama malaika ufi erge, isiini Finna isaa keesa waan daba ch'ufaafi worra hameenna tolchu ch'ufa wolti guurte,


Jennaani anini waan jed'eeni, Aabbo wonti kunini haga yoomi taati? Inni waan naani jed'e, Haga dira ch'ufa balleesani ona tolchani, maneeni ch'ufti duwa taate, oobruuni, ch'ufti badde raasa taatuti.


Anini gumi suni fageese, lafa ch'ufa duwa tolcha.


Anini waan jed'e, Gaareenifi, lafa horini oolule imboha, wonti akanatiifi isiini ya gogodde, nama keesa deemule d'abde. Marra looni keesati ind'agayani, simpirreefi bineensileeni yayu keesa baqate.


Gochiti mirgaa baate ya d'ufte Babiloni haate balleesite ona tolchite. Namaafi bineensi keesaa baqate, wonti tokoleeni ka iti gala injirtu.


waan jed'e, Anini nama uumefi bineensafi simpirreefi bineensa garaani lafa ira lohule ch'ufa lafa keesaa balleesa; waan waan kana ch'ufa mid'aaseefi ya gaabe.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi guddaani, dallansuuni mana kana balleese, namaafi saale, mukhaafi mid'aanile, gube balleesa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite