Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 9:7 - KITAABA WAAQA

7 Yokhaani d'alooti Abrahamu ch'ufti ijoolle Waaqatiniti; wonti akasiitifi Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Ijoolle Isaaqo ch'allati ilmaani tante taha.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 9:7
11 Referans Kwoze  

Ammo Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Much'afi tissiti teetile iyyaadiini, waan Saraani siini jette ch'ufa tolchi. Wonti akanatiifi atini Isaaqo ira ilmaani heddu argatta.


Waaqi qara waan isaani jed'e, Isaaqo gula d'alooti kanke maqa argata.


Ilmi niitiini tisse d'alte aada namaa gula d'alate, ammo kaani kakhu Waaqa gula d'alate.


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Huji nami daba iraa deebiu tolchu tolcha. Abbaani keenna Abrahamu ufiini injed'ina. Waan anini jed'u, Waaqi d'akha kana keesa ilmaani Abrahamu mid'aasu indandaa.


Worri waan jed'eeni, Nu d'aloota Abrahamuti, takale tisse nama intaane; ati akami, Isani balchoomsani nuuni jetta?


Inni waan jed'eeni, Hiyyo, Aabbo Abrahamu, ammo yo sila nami toko duisa keesaa kae deeme worrati odeese worri daba iraa deebia.


Abbaani keenna Abrahamu ufiini injed'ina, wonti akanatiifi Waaqi d'akhaaye tana keesa ilmaani Abrahamu yaasu dandaa.


Amma isani, oboleyaani tiyya, ilmaani Waaqaati, maro kakhu isaatiifi, akuma Isaaqo.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite