Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 7:6 - KITAABA WAAQA

6 Ammo amma nu Seera jala injirru, maro nu gara waan duri nu hid'eeni dooneefi. Ituma deebine seera t'aafani ka duri jala inteennu, ammo kara haraa ka Lubbutiini teenna.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 7:6
24 Referans Kwoze  

isati nu dandeesise aka wold'aqisa hareesa kanaani hojannu, wold'aqisi kuni waan seera t'aafaniitiniti ammo waan Lubbuuti. Seeri t'aafani duisaani d'ufa, ammo Lubbuuni nama jireesiti.


Isanileeni akasuma, oboleyaani tiyya. Isanileeni gama Seeratiini ya dootani, waan isani mita nafa Kristo taataniifi; amma isani ka isaati, isa ka aka nu Waaqa durati wo baanu duisa keesaa kaasani.


Batiso teennaani nu isa woliini doone awaalamne, aka, akuma guddinna Abbatiini Kristo duisa keesaa kaasani, nuleeni jireenna haraani jiraannu.


Ammo Kristoni, ufi abaarsa nu tahe, abaarsa Seeri nutiini d'ufu jala nu baase. Akuma t'aafiini jettu, Nami mukha irati fannisani ya abaarame.


hareesa fud'attaniifi. Finni hareesi kunini waan Waaqi, aka isa uume fakeenna ufi gula haraa tolchu aka akasiini ufi isani beesisu.


Qabanqaba woma keesa injirtu. Wonti fed'ani uumama haraa.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Ammo amma isani ya daba jalaa baatani tissele Waaqaa taatani; maro waan kanatifi amma jireenni keesani ch'ufti qulqullo, eegi tana jireenna hegeri argattani.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


Isani waan anini jechu fed'u inuma beetani, oboleyaani tiyya, isaniini ch'ufti seerale imbeetani: Seeri haga nami jiru ch'alla jira.


Hiyyo, akasiiniti! Nu gara dabaatiini ya doone, akami yoosi haga jirru ch'ufa daba keesa teenna?


Anini maro laafinna nafa keesanitiifi akana dubbad'a. Duri isani tissele t'uritiifi ta waan hamtu taatani hameenna jabeesitani. Akasuma ammalle tisse d'uga ufi tolchu maltani, aka qulqulloomtani.


Akasuma isanileeni aka nama gara dabaatiini due ammo gara Waaqaatiini jiru ufi herega, Kristo Yeso keesa.


Waaqi anini irre tiyya ch'ufaani hojad'e Odu Dansa Ilma isaa odeeseeti naa d'uga. Waaqi aka anini


Anini garaa haareesafi qalbi hareeti worraa kenna. Anini garaa worraa jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laafa ka Waaqaa saalfatu kennafi.


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Anini garaa haareesafi qalbi hareeti isanii kenna. Anini garaa keesani jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laana ka Waaqaa saalfatu isanii kenna.


Fakeennaa jenne, Seera gula, niitiini fuud'ani haga d'iirsi jiru ch'alla ta isaati; ammo yo inni due, isiini abba ufiiti.


Jireenna hareesa aka woya fud'ad'a, ka fakeenna Waaqa gula mid'aasani, ammalle ka finna d'uga ka qajeelumafi qulqulloomaani mullatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite